Hawaasni Addungaa gargaarsa mootummaa Itoophiyaaf kennu dhaabuun dhiittaan mirga namoomaa akka dhaabbatuuf gumaachu akka qaban dhaabbanni mirga namoomaaf falmu tokko waamicha dhiyeesseera.

Dhaabbanni mirga namaaf falamu Unrepresented Nations and People’s jedhamu dhiittaa mirga namoomaa , ukkamsuu fi reebiichaa lammiilee irra gahaa jiru ilaalchisuun gabaasa baaseen haawsni addunyaa gargaarsa mootummaa Itoophiyaaf kennuu dhabuun kabajamu mirga namoomaaf gumaachuu akka gaafateera.
Dhaabbatich gabaasa Komishiinii Mirgaa Namooma Mootummoota Gamtomaanii fi Gamtaa Awurooppaaf dhiyeesseen Itoophiyaa keessattuu naannoo Sumaalee Ogaadeetti namoonni baay’een hidhattoota mootummaan akka ajjeeffaman beeksiiseera.
Dhiittaa mirgaa namooma yeroo amma mootummaan Itoophiyaa lammiileerran gahaa jiru dhaabsiisuuf biyyoonni mootummaa Itoophiyaa maallaqaan deeggaraan maallaqaa isaanii dhaabuun kabajamuu mirga namaaf dursa kennuu qabu jedheera.
Lammiilee ayyaana irreechaa kabajuuf mana isaaniiti bahaan baay’een akka du’aan kan dhaabbatich yaadachiiseera. Qondaltoonni mootummaa lammiilee gaaffii mirga waan gaafata qofaaf ajjeechisiisan fi sarbamuun mirga namoomaa qaama walabaatiin qoratamaa akka hin jire beeksiiseera.
Jirattoonni naannoo Ogaadeen miseensoota Adda Bilisaa Baasaa Ogaadeen jedhamanii loltoota mootummaatiin ajjeechaa fi humnaan gudeddaamaa akka jiran dhaabbatich gabaasa isaa kanan beeksiiseera.
Gaabsni gamtaan Awurooppaa xiyyeeffannoo akka argachuu qaba jechuun Komishiinii Mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtomaaniif erge ture dhiittaa irga namooma Itoophiyaa keessaatti raawwatamaa jiru ofi-keessa hin qabu jechuun dhaabbatich komachuun isaa ni yaadatama.
Dhaabbatich komii kana booda gabaasa baaseen akka lakkofsa warra faranjoota bara 2014 jalqabee naannoo Oromiyaa fi Sumaalee akkasumas naannoolee biroo keessatti dhiittaan mirga namoomaa raawwatama jira jedheera.
Saamich lafa naannoo Oromiyaa , Gambeellaa , Benishanguul Gumuuz fi Affaar keessatti gaaggeeffama jiru namoonni baay’een akka hidhamaniif sababa ta’uus dhaabbatich beeksiiseera