Hanqinni dhiyeessa tajaajila Bishaan qulqulluu fi Ibsaa jirattoota rakkoof akka saaxile himameera.

Itoophiyaatti hanqinni dhiyeessa tajaajila Bishaan dhugaatii qulqulluu fi Humna Ibsaa jirattoota rakkoo guddaf akka saaxile himameera.
Hanqinni bishaan dhugaatii qulqulluu fi humna ibsaa yeroo gara yerootti dabalaa akka jiru jirattoonni magaala finfinnee himaniiru.
Bishaan Qulqullina hin qabneetti fayyadamuu fi yeroo roobni roobuu bishaan kuufachuun nyaata ittin bilcheefachaa akka jiran jirattoonni dubbataniiru
Rakkoon bishaan dhugaatii fi ibsaa jiruu fi jireenya jirattoota naannoo Amaaraas qoraa akka jiru himameera.
Naannoo Ummattoota Kibbaattiis magaaloota adda addaa keessatti tajaajili dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu fi ibsaan addan waan ciccituuf jirattoonni rakkachuusanii maddeen oduu gabaasaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa gamasatiin, akkuma baratame addan ciccituu dhiyeessa tajaajila malee hanqinni hin jiru jedheera
Lammiileen biyyaatti dhiyeessa tajaajila humna ibsaan rakkachaa wayita jiraniitti mootummaan waayyaannee humna ibsaa biyyoota ollaa qofa osoo hin taane hanga Awurooppaatti gurgurtaan dhiyeessu ni dandeenya jechun rakkoo ummataatti qoosaa jira.
Biyyoonni Ollaa akka Sudaan, jibuutii fi Keeniyaa sarari humna ibsaa Itoophiyaa keessa diriirifameef tajaajila humna ibsaa argachaa akka jiran mootummaan himeera.
Jirattoonni magaala finfinnee garuu tibbaana tajaajila ibsaa dhabuun rakkoo guddaaf saaxilamuu isaanii maddeen oduu ESATtti himaniiru
Magaala Finfinneetti dhiyeessi tajaajila humna ibsaa torbaniitti saa’aatii 24 gutumaan gutuutti kan badu yoo ta’u, sababa kanan manneen daldalaa kisaaraaf saaxilamaa akka jiran himameera.

Dhiyeessi Tajaajila humna Ibsaa kun magaala finfinnee dabalatee magaloota gurguddoo naannoolee hunda keessatti akka mudaatu beekameera.

Magaaloota kanniin keessattoi manneen daldalaa, warshaaleen, Hoteeloonni fi jiruu fi jireenyi jirattoota rakkoo guddaaf akka saaxilame himameera.
Magaloota Gurguddoo biyyaatti hunda keessatti dhiyeessi bishaan dhugaatii qulqulluu fi ibsaa hanga torbee tokkoo fi isaa oliitti akka badu jirattoonni beeksisaaniiru.