Haalli Siyaasa Itoophiyaa kan hin jijjiiramne yoo ta’e, biyyattii balaaf saaxiluu akka danda’u Komishinariin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii akeekkachiise.


Komishinariin Mirga Namoomaa Mootummoota gamtoomanii Zayiid Raad Al-Huseen mormii uummataa wajjin walqabatee dhittaa mirga namoomaa lammiilee irratti raawwatamaa ture gamaaggamuuf gara Itoophiyaa imaluun isaanii ni yaadatama.

Dhiittaa mirga namoomaa mootummaan Itoophiyaa jiraattota Oromiyaa fi Amaaraa irratti raawwatu kana ilaaluu fi gamaaggamuuf mootummaarraa eyyama dhorkatamuusaanii ni beekama.

Komishinarichi qondaaltota mootummaa fi hoggantoota paartilee mormitootaa wajjin magaalaa Finfinneetti mari’atanis gara naannolee rakkoon kun itti mudate deemuuf eyyama osoo hin argatin hafaniiru.

Komishinarichi akka lakkoofsa warra faranjootaa Amajjii bara 2018 gara Itoophiyaa imaluun gareen isaanii gara naannolee lamaanii deemuun haala jiru akka sakatta’aniif irra deebiin qondaaltota mootummaa Itoophiyaa eyyama akka gaafatan himaniiru.

Itoophiyaa keessa iftoominni kan hin jirree fi haalli siyaasa biyyattii hirmaannaa paartilee mormitootaa kan hin mirkaneessine yoo ta’e, biyyattiin balaaf saaxilamuu akka dandeessu beeksisaniiru.

Mirgi namoomaa Lammiilee Itoophiyaa kabajamuu akka qabu dubbachuun, yoo Kun hin taane, gaaga’amni guddaan uumamuu akka danda’us himaniiru.

Kunis biyyattii kufaatii guddaaf saaxiluu akka danda’u qondaaltonni mootummaa aangoorra jiran hubachuu akka qaban Komishinar Zayiid Raad Al-Huseen beeksisaniiru.