Haali Siyaasa Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru tokkummaa biyyaattiif ni sodaachisa jedhame.

Rakkoon Siya asa yeroo amma jiru biyyaatti gara sadarkaa addaan bittinneesutti akka hin ceenee miseensi parlaamaa Gamataa Awurooppaa sodaa qaban dubbatan.
Miseensi Parlaamaa Gamtaa Awurooppaa Aanaa Goomash ESATitti akka himanitti, walitti bu’iinsi biyyaatti keessa jiruu fi kallaattiin mootummaan waayyaannee hordofaa jiru furmaata hatattamaa barbaada.
Amerikaa fi Awurooppaan fedhii dimokiraasii lammiileen Itoophiyaa gara maddiitti dhiisuun maqaa duula farra shororkeessummaan jedhun mootummaa deeggaruun biyyaatti rakkoo kanaaf akka saaxile Goomash beeksisaniiru
Aanaa Goomash filannoo biyyaaleessa bara 1997 filatame irratti parlaamaa GamtaaAwurooppaa bakka bu’un filannicha taajabun isaanii kan yaadatamudha.
Bu’aa filanniichaa bara 1997 wajjiin walqabatee lubbuu namoota nagaa badeef mootummaan waayyaannee akka itti gaafatamu Aanaa Goomash carra argatan hundan dubbata jiru.
Filannoon bara 1997 booda Itoophiyaa keessatti gaggeeffame hundu fudhatama kan hin qabnee fi beekamtii ka’uumsa dimokiraasii akka hin qabne mirkaneessaniiru.
Qondaltoonni olaannoo mootummaa Itoophiyaa fedhiin aangoo gadhiisaan ilaalchise miseensi Parlaamaa Gamtaa Awurooppaa Aanaa Gomeesh yaada kennaniiru.
Obboo Barakaat Simi’oon sababa filannoo 1997n dhiyeenyaatti beekuuf carraa akka argan dubbatan.
Obboo Barakaat gara jabeenyaa fi shira adda addaa xaxun ministiira muummee duraanii obboo Mallaas Zeenaawwitti aanuun sadarkaa lammaffaarra akka jiran Goomash dubbataniiru.
Obboo Barakaat fedhiin aangoo gadhiisaniis harka lafa jalaan shira xaxuu akka hin dhaabne miseensi Parlaamaa gamtaa Awurooppaa Aanaa Gomeesh shakkii akka hin qabne beeksisaniiru
Filannoo biyyaaleessa 1997 wajjiin walqabatee lubbuu namaa fi qabeenya barbada’eef obboo Barkaat iiti gaafatamu jedhan.
Doktoor Teedroos Adahanoom Pirezedaantii Zimbabawee Ambasaddaara tola ooltummaa gochun muudun baay’ee akka isaan hin dinqisiisne Goomash himaniiru.
Sababni isaa immoo doktoor Teedroos qondaltoota waayyaannee yakkaan gaafataman keessa tokko waan ta’aniif jedhan.
Dr Teedroos hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta’anii filatamuun hojjattoota dhaabbatichaa Awurooppaa jiran fi kan biroo akka hin gammachisne miseensi parlaamaa Gamtaa Awurooppaa Aanaa Goomash beeksisaniiru