Guyyoonni Mootummaan Saawud Arabiyaa lammiileen Biyyoota Alaa eyyama jireenya hin qabne akka bahaniif kaa’e xummuramuus lammiileen Itoophiyaa baay’een gara biyyaatti akka hin deebine mootummaan beeksiseera.

Mootummaan Saawud Arabiyaa lammiileen biyyoota alaa eyyama jireenya hin qabne guyyoota 90 keessatti biyyaatti gadi dhiisanii akka bahaan labsuun kan yaadatamudha.
Guyyoonni mootummaan biyyaatti labse kun waxabajjii 17 bara 2009 kan xumurame ta’uus, lakkofsi lammiileen Itoophiyaa gara biyyaatti deebi’aanii baay’ee xiqqaa akka ta’e ministirri dhimmoota Kominikeshiinii mootummaa Dr Nagarii Leencoo himaniiru
Hanga torbee darbeetti Lammiileen Itoophiyaa gara biyyaatti deebi’uuf sanada imalaa fudhatan kuma 85 qofa akka ta’an Dr Nagariin dubbataniiru.
Lammiilee Itoophiyaa sanada imalaa fudhatan keessa kan gara biyyaa deebi’aan garuu kuma 35 qofa jedhan.
lakkofsi kun Lammiilee Itoophiyaa eyyama jireenyaa osoo hin qabne Saawud Arabiyaa keessa jiraatan wajjiin yoo wal biraatti ilaallamu baay’ee xiqqaa akka ta’ees himameera.
Guyyaan mootummaan biyyaatti lammiileen biyyoota Alaa eyyama jireenya hin qabne akka bahan labse xumuramuusa osoo beekamu mootummaan Itoophiyaa filannoo geejjibaa birootti ni fayyadamna jechuun ittii gaafatamummaa jala bahuuf jedhameera.
Yeroo ammaa lakkofsi Lammiileen Itoophiyaa gara biyyaa Yaman lola walwajjiin unkuramaa jirtuutti baqatan dabalaa akka jiru fi kun immoo baay’ee yaadessaa akka ta’e himameera