Gogiinsi Itoophiyaa keessatti ka’ee jiru hanga walakaa bara 2017 ttis cimee akka itti fufu dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii beeksise

Balaan gogiinsaa kun Oromiyaa bahaa godiinaalee Baalee, Gujjii fi Booranaatti cimee akka itti fufu beekameera.

Lafti dheedicha horii fi dhiheessiin bishaan dhugaattii hir’achaa waan deemeef loon naanicha jiran beelaaf akka saaxilaman dhaabbata mootumoota gamtoomanitti garee mirga dhala namaa ibsaniiru.

Godina Gujii fi Baalee bakkeewwaan gammoojjitti balaan kun irra caalaa hammaa akka ta’e kan beeksise gabaasi kun, Naannoo Affaris balaa kanaan hedduu akka miidhame jiru ibseera.

Bokkaan waan roobeef bakkeewwan tokko tokkotti rakkoon bishaan waan furame yoo fakkaatees, bakkeewwan heddutti garuu hanqinni bishaanii akka mudatee jiru beekameera.

Rakkoo kana furuufis nannoolee kibbaa fi kibbaa bahaa irratti konkoollattootaan bishaan dhihaachaa akka jiru beekameera.

Akka gabaasa dhaabbata mootummoota Gamtoomanitti, daa’immaan miliyoona 2 kuma 900 akka mana barnoota irra hin hafneef meeshaalee barnoota akka dhiheessee fi bara keessa jirru kanas daa’immaan miliyoonaa tokko caalaniif baajata dhiheessi nyaataaf oolu qabatanii akka dhihaachaa jiran beekameera.