Godina Iluu- Abbaa-Booraatti Warshaa baala Shaayii Gumaroo gaaffii Qeerroon fi jirattoonni naanniichaa gaafacha turaniif deebii kenneera .

Warshaan baala Shaayii Gumaroo Godina Iluu- Abbaa- Booraa keessatti waggoota 70 dura akka hundeeffame ni himama.
Warshaan kun umirii waggaa 70 iirra gahuus komii Bulchiinsaa fi Misoomaa hawaasni naanniichaa keessattu gama dargaggoota Iluuf carraa hojiin uumuun bu’aan buuse akka hin jire ragaalee mul’isaniiru
Warshichi umiriin isaa jaaraa tokko guuta kan jiru ta’uus, akka umurii isaa jaarsoota biyyaa fi dargaggoo naannicha wajjiin qindomina uumuun misoomaa naanniicha hin gumaachine.
Warshaan baala shaayii Gumaroo fayeeda dhuunfa abbootii qabeenya malee misooma naannoo Oromiyaa keessatti gahee tokko hin qabu jechun haawasni komacha tureera.
Warshichi hojjattoota mindeessuuf beeksisa magaala magaala Finfinneetti baasuun achumatti mindeessee gara Iluu-Abbaa-Booraa erga turee himameera.
Kun immoo dargaggoonni naannoo warshaan kun itti argamu jiraatan carraa hojii akka dhabaniif gumaachuusa dargaggoonni himaa turaniiru.
Komiin hawaasa naannoo keessattu kan qeerroo Oromiyaa yeroo gara yerootti dabala waan dhufeef warshaan baala Shaayii Gumaroo hawaasa irra fuula garagalfatee ture jaarsoota biyyaa wajjiin akka mari’atuuf dirqamsiiseera.
Marii Hawaasa naanniicha fi Hogganaa Itiyoo Agirii Seeftii Obboo Isaayyaas Kabbadaa fi warishichaa biroo wajjiin gaggeeffameen rakkoon hawaasaa fi warshicha giddu ture furmaata argachuusa ragaaleen argane mul’isaniiru.
Haaluma marii kanan, Afaan hojii warshaa baala shaayii Gumaroo guutummaa guutuutti afaan Oromoo akka ta ‘u, bu’uuraaleen misoomaa kan akka daandii Hobee hanga Ongaa bara kana akka hojjetamu waliigalameera.
Akkasumas Mana barumsa sadarkaa lammaffaa ongaatiif Labiraatoorii fi kutaaleen dabalataa
birrii miliyoona 2 oliin akka ijaaramanii fi daandii qonnaan bultoota naannichaa gabaa waliin qunnamsiisuu hojjachuuf waadaan galamu himameera.
Kana malees, hojjattoota mindeessuuf beeksisni hojii duraan magaala finfinneetti bahuu fi qacarriin raawwatamu amma booda magaalaa Goreef naannoo ishee qofatti ba ‘ee jirattoonni naannoi warishichaa akka fayyadaman murta’eera.
Walumagalatti warshaan Baala Shaayii Gumaroo hojiilee misooma hawaasni naanniicha irra fayyadaman fi dargaggoota gurmeessuun gara hojiitti galchuun carraa hojii uumuuf akka waliigalamee ragaan godinicha aragane mul’iseera.