Godina Iluu-Abbaa-Booraa magaalaa Mattuutti Tikoonni waayyaannee jirattoota hiriiraf kakasaa turan to’aannoo jala oolfman.

Tikooni fi Jeneraloonni waayyaannee fayeedan dhuunfaa isaanii jala xuqame naannoo Oromiyaa dirree jeequmsaa fi gaddaa gochuf akka saree maarate oliif gadi fiigaa jiru.
Tikoonni waayyaannee kunnin tibbaa darbee Godinaa Buunnoo Bedellee aanaalee muraasa keessatti maqaa hiriira mormii jedhun ummataa Amaaraa fi Oromoo jalaala fi kabajaan waggoota heddu wajjiin jiraacha ture walitti buusuuf yaalaaniiru
Ammaa immoo Godinaa Iluu-Abbaa -Booraa magaalaa Mattuutti jirattoota hiriira mormiif kakasuun lubbuu dargaggoo oromoo galafachuun Oromiyaa dirree booyicha gochuuf wayita yaalaan to’aannoo jala akka oolan miidiyaaleen biyyaa keessa gabaasaniiru
Namoonni to’aanno jala oolfaman kunniin ergama tikoota waayyaannee fudhachuun nagaa fi tasgabbii magaalaa Mattuu fi godinichaa boreessuun lubbuu namaa akkasumas qabeenya barbadeessuuf kan qophaa’aan jedhame.
Tikoonni waayyaannee sabaa fi sabalmoota godinicha keessa yeroo gaddaa fi gammachuu waliif birmachuun waggoota heddu wajjiin jiraatan walitti buusuuf qophiirra akka turan ragaaleen mul’isaniiru
Eerumsa qeerroo Iluun Pooliisiin Oromiyaa sakkata’iinsa gaggeesseen lukkeewwan waayyaannee meeshaalee waraanaa,barreeffamoota fi alabaan ABO mana isaanii keessatti argamun himameera.
Mana shakkamtoota obboo Haayile Kiroos Gabruu fi Dastaa Birhaanee keessatti shugguxii Maakaaroofii 1 rasaasa guutuu waliin,shugguxii Turkii 2,boombii 1,rasaasa 32,koompiitara icciitiin hidhame 1 akka argame himameera
Dabalataanis alaabaan ABO 7 fi barreeffamoonni namoota hiriira mormiif kakasanii fi waamichi hiriiraaf afaan Oromoo bareeffaman akka argame maddeen oduu gabaasaniiru
Saroonni waayyaannee kunniin Onkololeessa 19, 2010 magaala Mattuu keessatti hiriira mormii waamuun dhiiga dargaggoo Oromoo xuuxuuf qophiirra akka turan himameera.
Mana shakkamtoota tikoota waayyaannee keessa barreeffamoonni dhaadannoowwan adda addaa 32 akka argaman gabaafameera.
Akkasumas magaala Goree keessati nammii mika’eel Hayilee jedhamuu , mannootan daldalaa saba biro irraa deemee,
<< oromoon waan isin saamudhaaf qophaawaa jiruuf mana daldalaa keessan hinbaninaa>> jedhee ittuu olola sobaa afarsaa jiruu polisii magaalaa Goreetin qabamee hidhaamuu isaa Radiyoon BBN gabaasun isaa beekameera.
Qeerroon Oromiyaa shira tikoota waayyaannee guutuu Oromiyaa keessatti xaxaa jiran kan hubachuun pooliisii Oromiyaa wajjiin qindominaan fashaleessu akka qaban gaafatamaniiru.
Hiriirri deeggarsaa fi Mormii Oromiyaa keessatti yeroo amma gaggeeffamu kamuu shira tikoota waayyaannee waan qabuuf gorsa manguddootaa fi pooliisii Oromiyaa dhaga’uu fi kabajuun murteessadha jedhameeera.