Godina Hararagee Bahaatti Jirattoonni Aanaa Ciinaaksaan sababa daangaa dangeessu tiin mormaniiru.

Akka maddeen odeeffannoo mul’isaniitti, gandoota Aanaa ciinaaksaanii 6 naannoo Oromiyaa jalatti dangeeffamuf murteeffatan gara naannoo sumaalee jalatti akka dangeessuuf yaalama jira
Qondaltooni humna waraanaa Waayyaannee fi naannoo Sumaalee jirattoota gandoota jahan naannoo Oromiyaa irra kutuun naannno sumaaleef kennuuf yaadame kanniin dubbisuu wayita dhaqan Jirattoonni Aanaa Ciinaaksaan gandaa fi baadiyaa walitti bahuun dhadannoo adda addaa dhageechiisuun mormaniiru
Jirattoonni Aanaa Ciinaaksaan dhadannoo
‘Yaa Lammaa Magarsaa hin taane
qabsoon buqqiffannaa Waayyaannee’
jedhu qabachuun daandii hunda cufaanii mormii isaanii dhageesiisaa akka oolaan himameera.
Jirattoonni Aanaan Ciinaksaan murtii ummaataa gandoota ollaa daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee 422 dangeessuuf murteeffameen naannoo Oromiyaa jalatti buluuf murteeffachuun isaanii ni yaadatama.
Yaa ta’u malee, jirattoonni gandoota aaniichaa waggoota12 dura naannoo Oromiyaa jalatti buluuf kan murteeffatan ta’us, fedhii dangaa babal’ifachuu liyyuu Pooliisii naannoo Sumaleetiin jireenya tasgaba’aa jiraachuu hin dandeenye jedhameera.
Humni Addaa Naannoo Sumaalee Liyyuu Pooliisi jedhamu fi mootummaa Federaalaan deeggaramu gandoota naannoo Oromiyaa daangaa Sumaalee irra jiraatan haleeluun lubbuu namoota baay’ee galafateera.
Mana jireenya lammiilee nagaa ibidaan gubuun, qabeenya saamuu, namoota Ukkamsanii gara naannoo sumaaleetti fedhachuu fi lafa jirattoonni irra buqqa’aan Alabaa naannoo Sumaalee irra dhabuun gochoota liyyuu Pooliisii naannoo sumaalee keessa muraasa akka ta’an himameera
Rakkoo walitti bu’iinsa daangaa kana furuuf Pirizedantoonni naannoolee laman Ebila 28 bara 2009 waliigaltee mallatteesaniiru
Akkataa murtii ummataa kanan hanga bara 2006tti gandoonni 274 kan dangeeffaman yoo ta’u gandoota hafaan yeroo muraasa keessatti dangeessuuf waliigalteen haaraa kun kan mallatteeffame
Akkaata pirezedantoota naannoolee lamaniitti gandoota kanan dura osoo hin daangeffamin hafan dabalatee gandoota 148 aanaalee 24 Bahaa fi Lixa Harargee, Baalee, Gujii fi Booranaatti argaman ni daangeeffamu jedhameera.
Sababa Akkaata waliigaltee pirezedatoota jedhun shira gandoota aanaa Ciinaaksan muraasa gara naannoo Sumaaleetti daangeessuuf yaadame jirattoonni aaniichaa hiriira bahuun mormaniiru.
Murtiin gandoota Aanaa Ciinaaksan 6 naannoo Sumaaleef kennuuf yaadame kun dhiiga kan dhangalaasu waan ta’eef, qondaltoonni mootummaa naannoo Oromiyaa gocha kanarra of-qusachuun ummata maddii akka dhabbatan qeeroon Ciinaaksan hubachiisaniiru.