Gargaarsa meeshaa waaraanaa Amaayyaa Mootummaan Amerikaa hidhattoota Sooriyaatiif kennuuf karoorfate Raashaan mormite

Gargaarsi meeshaa waaraanaa amaayyaa Amerikaan hidhattoota Sooriiyaatiif kennuuf karoorfate nageenya loltoota ishee Sooriiyaa keessa jiraniif ni soodachisa jechuun Raashaan balaleeffattee jirti.
Amerikaan hidhattoota mootummaa Bashaar Alasaad kuffisuuf qabsa’aniif Misaa’eelii Xiyyaara waaraanaa kuffisuu danda’uu fi meshaalee waaraanaa ammaayyaa biroo gargaarsaan kennuuf dhiyeenya murteesuun ishee ni yaadatama.
Raashaan gama isheetiin, gargaarsi meeshaa waaraanaa amerikaan hidhattootaaf kennuuf karoorfate kun nageenya loltoota ishee Baashaar Alasaadii gargaaruuf Sooriiyaa jiraniif ni soodachiisa jechuun dubbi himaan Ministeera dhimmaa Alaa biyyaatti Maariiyaa Zakaroobaa beeksiisaniiru.
Biyyoonni laman dhunfaadhaan qaamoolee garagaraa waan deeggaraniif walii galuu hin dandeenye. Mootummaan Amerikaa qoqqophiin meeshaa waaraanaa hidhattoota Sooriiyaa irra ka’aamee turee akka ka’u uf murteessuusa sagaleen Raadiyoo Amerikaa sagantaan Afaan Ingliffaa gabaaseera.
Mootummaan Sooriiyaa hidhattoota wajjiin Kaazaakistaniitti mar’aachuuf qophii irra akka jiru Ministirri dhimmaa Alaa Raashaa Sargee Laviroob beeksiisaniiru.
Looltoonni mootummaa Sooriiyaa magaala Aleeppoo waggoota shaniif to’aannoo hidhattoota jala turtee deeggarsa mootummaa Raashaatiin deebisaanii to’aachuun isaanii ni yaadatama.
Raashaa , Iraanii fi Tarkiin hidhattootaa fi Mootummaa gidduutti nageenya buusuuf jaarsummaa jalqabaniiru. Adeemsi marii nageenyaa Mootummaa Amerikaa waan hin hirmaachisneef Bulchiinsi Pirizedaant Baraak Obaamaa ijaa shakkiin ilaala jira.