Gamtaan Awuroppaa waa’ee dhimmaa siyaasaa Itoophiyaa irratti gabaasa addaa dhaggeeffate

Waltajjii Gamataan Awuroppaa waa’ee dhimmaa siyaasa yeroo Itoophiyaa dhaggeeffachuuf qopheessee kana irratti dura Taa’aan Kongraasii Federaliistii Oromoo Doktor Maraaraa Guddinaa, Dura Taa’aan Arbanyooch Ginbot 7 profesaar Birhaanuu Nagaa fi Atleet Fayyisaa Leliisaa qaamaan argamuun hoggantoota Gamtichaatiif haala waliigalaa biyyaattiin keessa jirtu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Haali Tasgabbii dhabuu Itoophiyaa to’aannoo alaa fi miidhaa kana caaluu osoo hin qaqqabsiisne biyyoonni dhihaa tarkaniffii hatattamaa fudhachuu akka qaban waltajjii kana irratti ibsa kan kennan dura taa’aan Arbanyooch Ginboot 7 Profesaar Birhaanuu Naggaa hubachisaniiru.
Bara darbees ibsaa walfakkatuu kennan kan turan profesaar Birhaanuun, mormii cimaa yeroo ammaa itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru daran kan cimsan dhalattoonni saba Oromoo fi Amaaraa biyyaa keessaa fi alaa jiraatan gamtaa fi tokkummaa uumuun isaanii mootummaa Itoophiyaatiif dhukkubbii mataa itti ta’eera.
Mootummaa Itoophiyaa yeroo ammaa ajjeechaa fi Ukkamsuu akka filannoo dhumaatti itti fayyadama waan jiruuf biyyoonni Awuroppaa walii galtee duula farraa shorkeessummaa wajjiin qabaniif dursa kennenu dhimmaa yeroo Ummata Itoophiyaatiif xiyyeeffannaa kennuu dhabuun isaan baasii dabalataa kaffalchiisuu danda’a jedhan.
Waltajjii kana irratti kan argaman keessummaa kabajaa biroo Dura Taa’aan Kongraasii Federaliistii Oromoo Doktor Maraaraa Guddinaa gama isaaniitiin, mormii Ummataa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti jalqabamee kanan namoonni 1500 akka wareegaman beeksisaniiru.
Naannooleen lamanu yeroo amma bulchiinsa loltummaa jala akka jiran kan dubbatan doktoor Maraaraan, labsiin Hatattamaa dafee ka’ee mootummaan cee’umsaa akka hundeeffamuu waamicha dhiyeessaniiru.
Atileet Fayyisaa leelisaa gama isaatiin, Gamtaan Awuroppaa mootummaa abbaa irree jechuun kan ibsuu mootummaa Itoophiyaatiif deeggarsa akka hin kenninee Gaafateera