Gamtaan Afriikaa Miseensummaa Mana murtii Yakkamtoota Addunyaa keessaa ba’uuf Murteesseera

Gamtaan Afriikaa Yaa’ii 28ffaa finfinneetti ta’een biyyooni miseensa gamtichaa ta’aan mana murtii yakkamtoota addunyaa keessa akka bahaan waamicha dhiyeesseef jira.
Murtiin gmataan Afriikaa miseensummaa mana murtii yakkamtoota addunyaa keessa bahuuf murteessee kun dirqamsiisaa miti jedhameera.
Biyyoonni sirna Dimokiraasiin sadarkaa tokkoo gara fulduraatti deeman kan akka Naayjeeriyaa fi Seenegaal murtii gamtaan Afriikaa miseensummaa mana murtii yakkamtoota addunyaa keessa bahuuf murteessee kana mormaniiru.
Biyyoonni akka Afriikaa kibbaa fi Buruundii miseensummaa mana murtii yakkamtoota addunyaa keessa duursanii bahuuf murteessaniiru
Manni murtii Yakkamtoota Addunyaa gama isaatin, Ardii Afriikaatti sababii yakka waraanaatiin sarbamuu mirga namoomaan lammiileerra gahu , haqa akka argataniiif hojjechaa jiraachuu ibsuun himannaa hoggantoota biyyoota Afriikaatiin irratti dhiyaatu mormaa jira.
Hogganttoonni biyyoota Afriikaa Yaa’ee 28ffaa finfinneetti gaggeeffamee irratti hirmaatan ajaandaa marii mana murtii yakkamtoota addunyaa keessa bahuu jedhuu irratti baay’ee wal mormaa akka turan BBC gabaaseera
Mani Murtii yakkamtoota Addunyaa irra caalaa Hoggantoota Afriikaa qofarraii xiyyeeffata jechuun hoggantoonni biyyoota Afriikaa komachaa akka turan ni yaadatama.
Manni murtichaa pirizedantiin Sudaan Omaar Al- Bashiira yakka waaraanaa raawwataniiru jechuun akka qabanii mana murtiitti dhiyaatan ajaajiin dabarsee hoggantoota biyyoota Afriikaa baay’ee biraa mormii kaasuun ni yaadatama.