Gaazeexxeessa Tamsgeen Dasaleeny mana hidha Ziwaay keessa hin jiru akka jedhan maatiin isaa beekisiisaan.

Mana hidhaa Ziwaayiitti hidhamee kan turee Gaazeexxeessaa Tamasgeen Dassaleeny mana hidhaa keessaa hin jiru akka jedhan maatiin isaa himaniiru. Yeroo ammaa maatii fi hiriyyoonni isaa bakka jiruu barbaada jiraniis hanga ammaatti beekuu akka hin dandeenyee qamooleen dhimmaa isaa hordofaan beeksiisan.
Maatiin Tamasgeen odeeffannoo toora miidiyaalee hawasummaatiin gadi dhiisaniin guyyaa lama isaa gaafachuuf gara mana hidhaa ziwaay deemaaniis namni Tamsgeen jedhamu kan mootummaan hidhee hin jiruu jedhamaniiru.
maatiin isaa mana hidhaa ”Maa’ikalaawwii” deeman gaafataniis deebii namni Tamasgeen jedhamu asi hin jiru jedhu akka argatan himaniiru.
Bakkaa fi haala Tamasgeen irra jiru guyyoota sadiif beekuu waan hin dandeenye mootummaan haala inni itti jiru akka isaan beeksiisuu maatiin isaa gaafataniiru.
Gaazexxessaa Tamasgeen himaannaa Abbaan Alangaa federaalaa maqaa balleessuu fi odeeffannoo sobaa tamsaasuu jedhuun himateen Manni Mutii Federaalaa wagggaa laman duraa hidhaa waggaa sadii akka itti murteessee ni yaadatamaa
Gaazeexxeessa Tamsgeen wayita mana hidhaa jiru dhukkubsatee wal’aansaa akka hin argannee dhorkamuun ni yaadatamaa .