Gaanfa Afriikaatti balaa hoongee wajjiin walqabatee namoonni miiliyoona 23 midhaan nyaata gahaa argachuu akka hin dandeenye himameera.

Biyyoota Gaanfa Afriikaa akka Sudaan Kibbaa, Itoophiyaa, Keeniyaa fi Sumaliiyaatti balaa hoongee cimaa wajjiin walqabatee namoonni miiliyoona 23 midhaan nyaata gahaa argachaa akka hin jirre himameera.
Lammileen Sudaan Kibbaa miiliyoonaatti lakkaawaman balaa hoongee damdamachiisuuf tattaafachaa jiru. lammiileen biyyaatti walakkaan yookaan immoo namoonni miiliyoona 4.9 beelaaf saaxilamaniiru. Lakkofsi namoota beelaaf saaxilamanii kunniin hanga yeroo omishni itti aanuu gahuutti dabaluu akka danda’u himameera
Bifuma walfakkaatuun lola wal-wajjiinitiin waggoota hedduuf unkuramaa kan jirtu Sumaliiyaan yeroo amma lammiileen ishee baay’een balaa beelaaf saaxilamaniiru. Bulchiinsi Mootummaa biyyaatti haarofti filatame balaa hoongee kana balaa biyyooleessa jechuun labseera.
Sumaliiyaatti waggoota laman darban roobni kan hin roobnee fi kan roobee turees gahaa waan hin turiniif hoongeen kun akka cimuuf sababa ta’eera. Bakka roobni gahaan hin jirretti Sumaliiyaan xumura ji’a Ebla balaa beelaaf saaxilamuu akka dandeessu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii akeekkachiiseera.
Sumaliiyaan akka lakkofsa warra faranjoota bara 2010 hanga 2012 tti balaa beeleef saaxilamuun ishee ni yaadatama. Balaan beelaa suukaneessan kun lubbuu lammiilee Sumaliiyaa kuma 200 fi kuma 60 galafateera.
oduu walfakkaatuun Lammiileen Keeniyaa miiliyoona 2.9 ta’an balaa beelaa cimaaf akka saaxilaman dhaabbanni Fannoo Diimaa biyyaatti beeksiiseera.
Yeroo amma lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 5.6 hanga yeroon omisha itti aanuu gahuutti gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilamuun saanii himameera.
Dhaabbanni Mit-mootummaa Catholic Relief Services jedhamu lammiilee biyyoota gaanfa Afriikaa balaa hoongeetiif saaxilaman kanniin gargaarsa midhaan nyaata dhiyeessuu, hawaasni naannichaa Bishaan qulqulluu akka argatu gochuu akkasmaas hojiilee misoomaa adda addaa hojjachaa akka jiru beeksiisera.
Dhaabbatich lammiilee balaa hoongeef saaxilaman dhaabbilee arjomtoota biroo kan akka Sagantaa Nyaataa Mootummoota Gamtomaanii fi Fandii Gargaarsa namoomaa Amerikaa wajjiin ta’uun gargaara akka jiru beeksiiseera.