Gaaffiin lafaa Godina Siidaamaa fi Waalayiittaa gara walitti bu’iinsaatti akka hin ceeneef mootummaan harkaa keessaa baafachuu qaba jedhame.

Ummanni Siidaamaa fi Walayiittaa waggoota hedduuf kabajaa fi jalalaan wajjiin jiraacha akka turan yaadachuun rakkoo gaaffii abbummaa lafa amma mudate karaa nagaan akka furan waldaan saba Waalayiittaa Amerikaa kaabaa jiraataniifi deeggartoota isaanii ibsa baaseen gaafateera.
Ummatoonni lamaan waggoota hedduuf yeroo wajjiin jiraatan gaaffii abbummaa lafaa kaasaanii akka hin beekne ibsi kun yemmuu beekisisu, Amma garuu qondaltoonni mootummaa rakkoo kana akka uumaan ibiseeraa.
Gaaffii abbummaa lafaa naannoo haroo Abbayyaa fi laga Bilateetti argamu irratti lamaanii kun gara walitti bu’iinsaatti ce’uu akka danda’u sodaa qaban dhalatoonni saba Waalayiittaa ibsa isaanii

gaaffiin kun gara waliitti bu’iinsaatti akka hin ceeneef Qondaltoonni Mootummaa harka isaanii keessa baafachuun ummattoonni lamaan karaa nagaan akka furan ibsi kun gaafateera.
Dhimmi gaaffii abbummaa lafaa kun ofi-egannoo guddaan kan hin ilaalamne yoo ta’e naanniichaatti waliitti bu’iinsa dhuma hin qabne fiduu danda’aas jedheera.
Dhimmichaas jaarsooliin saboota lamaan waldhabbii kara nagaan furuun muxxaannoo guddaa qaban, hayyoonni fi namoonni beekamo saboota lamaniirra walitti bahaan karaa aadaan akka furuu akka qaban waamicha dhiyeesseera