Fincila ummataa Qabbaneessuuf, H/maariyaam Dassaalany kaabinoota haarawa muudaniiru.

new-cabinetKaabinoota 30’n muudaman keessaa sagal kanneen duraan turaniifii taayituma irra jiraniin kan itti fufan yommuu ta’u namoonni digdamii tokko immoo haarawaa akkasumas yeroo garagaraatti sadarkaa ministeerummaatin hojjechaa kan turan ta’uu obbo H/maariyaam Dassaalany mana maree bakka bu’oota ummataaf beeksisaniiru.
Haala Kanaan duraa keessatti muudama aangoo itti aanaa muummicha ministeeraa fi gorsaa muummicha ministeeraa jedhamuun geggeeffamaa tureen eddoon qabame guutummaan guututti kan hafe ta’uusaa obbo H/maariyaam Dassaalany ibsaniiru.
Gorsitoota muummicha ministeeraa kan ta’an miseensonni adda bilisummaa Tigraay (TPLF) hedduun isaanii eessatti akka ramadamanii akkasumas maal akka hojjetan muummichi ministeeraa paarlaamaadhaf osoo hin ibsin bira darbaniiru.
Kaabinoota haarawa muudamanis ta’ee kanneen duraan turan kunniin guutumaan guututti miseensota partii biyya bitaa jiru akka ta’an beekameera.
Haa ta’u malee yeroo muudamni kun ibsamutti miseensonni kaabinee kunniin saba kamirraa akka bakka buufaman ibsamus miseensa paartii Ihaadig (dhaaba) kamirraa akka filataman wanti beekkamu hin jirus jedhameera.
Kanneen duraan turanis ta’ee kaabinoota haarawa muummichi ministeeraa H/maariyaam muudamaaf dhiyeessan kanneen, manni maree bakka bu’oota ummataa mormii tokko malee sagalee guutudhaan raggaasiseera.
Mormiin ummataa kallattii hundaan kan itti hammaate addi bilisummaa tigraayi ji’oottan kudha tokkoo dabarsaa jirru kan keessa sagalee ummataa afaan qawweetin ukkaamsuun lubbuu dhibbootaan lakkaahaman ajjeesuu fi kuma kudhanootaan kan lakkaa’aman immoo hidhaatti dararaa jiraachuun ni yaadatama.
Fincila dhoohaa jiru tasgabbeessuuf akkasumas gaaffii ummataa baala itti maranii ukkaamsuuf obbo H/maariyaam Dassaalany muudama haarawa jijjiirama dhugaa irratti hin hundoofne geggeessaa akka jirean beekkameera.
Muudamni kaabinoota haarawaa obbo H/maariyaam Dassaalany taasisan kun warraaksa ummatichaa kan qabbaneessus ta’ee kan hambisu yoo ta’ee gara fuulduraatti kan ilaallu ta’a jechuun taajjabdoonni dubbataniiru.