Filannoo Pirizedantummaa biyya Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo injifatan.

Filannoo pireezdaantummaa Biyyaa Somaaliyaa Ministira Muummee biyyaattii kan turan Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo pirizidaantii biyyaatti duraanii Hasaan Sheek Mohammuud bu’aa aja’ibsiisaa ta’een caaluun mo’aachuu isaanii BBC’n gabaaseera.

Miseensoonni mana marii bakka bu’oota biyyaattii filannoo bakka eegumsi guddaan taasfamuufitti buufata Xiyaara Moqadiishootti gaggeessuun Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo lamummaa Somaaliyaa fi Amerikaa qaban preezdaantummaan filataaniiruru.

Filannoo Pirezidantummaa kanaratti kaadhimamtoonni 20 kan hirmaatan yammuu ta’u, sagaleen marsaa lamaan kennameen booda lakkofsi isaanii gara lamaatti gadi bu’eera.

Kadhimamtoota dhiyaatan kanniin keessa 16 lamummaa biyyoota lama akka qaban BBC gabaaseera. Akka gabaasa BBCtti kadhimamtoonni sagal lamummaa Somaaliyaa fi Amerikaa kan qaban yoo ta’uu,Afur kan Biriteen, Sadii kan Kaanaadaa qabu

Bu’aa Sagalee kennameen Ministirrii muummee biyyaattii duraanii sagalee 184 yammuu argatan, isaan wajjiin kan dorgoman pirizdaant biyyaatti kan turan Hasan Sheek Mahaammuud ammoo 97 argataniiru.

Pirizedaantii Biyyaatti kan turanii fi amma filannoon kan injifataman Hasan Sheek Mahaammuud pirizedaantii haaraa filatamaniif erga baga gamaddee jedhu dabarsaniin seenaa hojjatameera amma gara dimokiraasiitti ce’uu qabna jedhaniiru.

Pirizedaantii haarooft filataman Mohaammad Abdullaahii Faarmaajoo miira biyyummaa qabuu jechuun lammiilee Somaaliyaa biraatti jaalatamaa fi fudhatamaa gaarii kan qabu jedhameera. Mootummaan Itoophiyaa garuu pirizedantiin duraanii akka injifataniif fedhii qaba ture jedhameera.

Lammiileen Biyyaatti kumatamattii lakkawaman bu’aa filannoo kanan booda gara daandiitti bahuun gammachuu isaanii ibsataniitru.

Somaaliyaan akka lakkofsa warra faranjoota bara 1969 jalqabee filannoo dimokiraasii fi pirizedantummaa hin gaggeessinee.

Filannoo bara 1969 booda Mootummaa Humnan Fonqolchuun aangoo qabachuu, Abbaan Iree cimaa qabu kan bulchuu fi Gosa irratti hunda’uun Walitti bu’iinsa adda addaa keessumeessa turtee jirti.

Yeroo ammas gareen riphe loltoota Alsheebaab jedhamu kutaalee biyyaatti muraasa qabatee bulchaa waan jiruuf pirizedantii haaraa filatamaniif qormaata guddadha jedhameera.