Filannoo pireezdaantummaa Gaambiyaa ta’uun kan filataman Adamaa Baaroow, Imbaasii Gaambiyaa Seenegaaliitti argamutti waadaa akka galan beekkameera.

Pireezdaantiin Gaambiyaa haaraa filataman biyya ollaatti waadaa galuuf kan murteessan pireezdaantiin biyyattii duraanii filannoon mo’ataman Yaahiyyaa Jaameeh aangoo gadi hin dhiisuu waan jedhaniif.

Biyyoonni hawaasa Diinageedee Afrikaa lixaa pirezdaantiin Gaambiiyaa Yaahiyaa Jaameeh karaa nagaatiin aangoo pirezdaantummaa pirezdaantii haaraa ummaataan filatameetti akka dabarsaniif guyyaan kennaniif xumurameera jedhaniiru.

Biyyoonni Hawaasa diinagdee Afrikaa lixaa Yaahiyaa Jaameeh aangoo kara nagaatin kan gadi hin dhiisne yoo ta’ee, murtii ummaata Gambiiyaa kabachiisuuf humna waaraanaa akka fayyadaman akeekkachiisa turaniiru.

Yaahiyyaa Jaameeh filannoo pirezdaantummaa filatameen injifatamuu isaanii erga amananii booda, bu’aan filannoo dogongora waan ta’eef aangoo gadi hin dhiisu jechuun hawaasa addunyaa ajaa’ibsiisaniiru.

Pirezdaantii biyyattii ta’uun kan filataman Adaamaa Baaroow sirna waadaa itti galan biyya isaaniifi ummata isaan filate waliin gaggeessuu waan hin dandeenyef Imbaasii biyya isaanii Seenegaalitti argamutti waadaa galuuf dirqamaniiru.

Biyyoonni hawaasa diingdee Afrikaa Lixaa Yaahiyyaa Jaameeh aangoo pirezdaantummaa waggoota 20 oliif irra turan karaa nagaatin gadi yoo hin dhiisne humna waaraanaatiin dirqamsiisanii gadhisiisuuf murteessuun isaanii dhaga’ameera.

Yeroo ammaas humnoonni Loltoota Seenegaal naannoo Daangaa Gambiyaa irratti qophii xumuranii ajaja dhumaa eegaa akka jiran jedhameera.
kana malees xiyyaaronni fi dooniiwwan waraanaa Naayjeeriyaas qophiirra akka jiran himameeera.

Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoonni adda addaa ammaan booda Jaameehin Pirezdaantii Gambiyaati jedhanii beekamitii akka hin kennineef beeksisaniiru.

Manni-maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis tarkaanfii gidduu seenuu hawaasa diinagdee Biyyoonni Afrikaa Lixaa fudhatan akka deggaru beeksiseera.