Filaannoo Pirezedantummaa USAtiin bakka bu’aan paartii Rippabilkootaa Doonald Tiramp mo’atan

Filannoo pirezedantummaa Ameriikaa lammilee addunyaa hawwiin eegaa turan bakka bu’aan paartii Warra rippaabilkootaa Doonaldi Tiramp Haala hin eegamnee injiffachuu pirezedaantii Ameriikaa 45 ta’anii Filataman.
Haala siyaasa addunyaa hin beekan jechuun kan shakkaman biliyeenarri magaalaa Newyork pirizedaantii biyyaatti 45 ta’anii filatamuun isaanii lammilee biyyaattii fi hogganttoot biyyoota adda adda biraatti miraa garaa gara keessumeessa jira.
Bu’aa filannoo mo’achuuf isaan gargaruu 270 keessaa Doonaldi Tiramp 289 yoo argatan bakka buutuun paartii warraa Dimokratootaa Hilaarii Kilntaan immo 218 argataniiru . Doonald Tiramp erga bu’aan filannoo beekamee booda ittiaa-aanaa fi maatii isaanii wajjiin ta’un ummataa Ameriikaa fi deeggartoota isaaniif dhaamsa dabarsaniiru. bara waggoota taayitaa isaanii lammilee Ameriikaa hunda walqixummaa akka ilaalaniif tokkummaa biyyaatti mirkaneessuuf akka hojjatan waada galaniiru.
Paartii warraa dimokratoota bakka bu’uun kan dorgomaanii Injifataman Hilaarii Kilintan Doonald Tirampiif bilbila bilbiluun baga gammaddee jedhaniiru. kana malees lammiileen biyyaatti wayita duulaa filannootti garagarummaa isaan gidduu turee dagachuun tokkummaan biyyaa isaaniitiif akka hojjatan Hilaarii Kiltan dhamsa dabarsaniin gaafataniiru.
pirizedaantiin Ameriikaa Baaraak Obamaniis Tiraamp wajjiin bilbilaan akka mar’ataniif baga gammaddees akka jedhaniin himuun bara hojii gaarii hawwaniif jiru. aangooisaaniis gara nagaatti pirizedaantii amma filataman Doonald Tiramptiif dabarsuuf qophii hunda akka xumuran beeksiisan.
Injiffaannoo Pirezedantummaa Tiramp kana booda Qondaltoonni biyyoota gara gara ergaa baga gammaddee dabrsaaf kan jiran yoo ta’uu garuu kan pirizidaantii Raashiyaa Vildameer Puutiin dursee hin jiru. isaaniis erga baga gammaddee erga dabarsanii booda biyyii isaanii waliitti dhufeenya Amerikaa wajjiin qabdu bara taayitaa Tiramp kanatti irra caalaa haaromsun akka wajjiin hojjatan beeksisaniiru.
Lammiileen Ameriikaa magaaloota adda addaa keessa jiran garuu Doonald Tiraamp pirezedantummaaf filatamuu isaanii moormuun hiriiraa baha jiru.