Federeeshinii Atleetiksii Itiyoophiyaa Atleetota dawaa humna jajjabeessu fayyadamanii argamanii umirii guutuu waldorgommii irraa ittisuuf murtii dabarse Atileetoonni mormaniiru

Atileetoonni dawaa humna jajjabeessuu kamuu fayyadamanii argaman kana booda umirii guutuu waldorgommii Atileetiksii irraa akka ittisaman Pireezdaantiin fedareeshiinii Atleetikisii Itoophiyaa Kumaalaa Haayilee Gabrasillaasee toora oduu Rooyitarisiitti himeera.
Ji’oota muraasaan dura Atileetoonni Itoophiyaa jaha yeroo waldorgommii dawaa humna namaa jajjabeessuu fayyadamanii argamaniiru jechuu qoratamaa akka jiran ni yaadatamaa. Murtiin Federeshiiniicha amma kun Atileetoota jahan miidhuu danda’a jedhameera
Atileetoonni dawaa kana fudhatanii argaman kan booda biyyaa isaan bakka bu’uun waldorgommii kamuu irratti hirmaachuu akka hin dandeenyee pirizedantiinii federeshiniichaa dubbateera
Atileetoonni maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaannee yaada kennaniin dogongoraan dawaa tokko tokko fayyadamuu jiraachuu waan maluuf murtiin addaa federeshiniich murteesse miidhaa qaba jechuun mormaniiru.
Dawaan dhibee namaatti fursiisaan adda addaa waldorgommiin duraa fudhatman akka dawaan nama jajjabeesaaniitti waan ilaalamaniif federeshiiniich xiyyeeffannoo keessa galchuu qaba jedhaniiru
Federeshiiniin Atileetikisii Addunyaa fi Koreen Olompiikii Addunyaa atileettoonni dawaa humna jajjabeessu fayyadamanii argaman waggaa Afuriif waldorgommii atiletikisii kamuu irra ni ittisa.
Akkaataa seeraa qaamoolee lamaniittin erga murtii waggaa Afurii kana xumuranii booda waldorgommii Olompiikii dabalatee waldorgommii Atileetikisii kamu irratti dorgomuu akka danda’aan ni murteessaa