Fayyaan Doktoor Fiqiruu Maaruu Yaaddeessaa akka ta’e Siwudiin beeksiisifte

Lamummaa Siwudiin kan qaban Doktoor Fiqiruu Maaruu tajaajila waldhansaa Onnee irraatti bobba’uuf gara Itophiyaa kan galan. Waggaa sadiin dura immoo malanmaltummaan shakkamuun hidhaman.
Mannii murtii Federaalaa Doktoor Fiqiruu Maaruu waggaa 4 fi ji’a 8 itti murteesseera.
Doktoor Fiqiruun yeroo hidhaa itti murta’ee irra caalaa waan xumuraniif akkasumas amalaa gaarii waan qabaniif ji’a kana keessa ni hiikamu jedhamee eegama akka ture Ministeera biyyaa alaa Siwudiin waabeffachuun Raadiyyoon biyyaatti gabaaseera.
Haata’u malee,Mootummaan Itoophiyaa namoota 38 manni hidhaa Qilinxoo akka ibiddaan gubatuu taasisan jedhee himatee keessa tokka akka ta’aniis Abukatoon isaanii Haniis Baginaat beeksiisaniiru.
Fayyaa Doktoor Fiqiruu yaaddeessaa waan ta’eef Ministeerri dhimma Alaa Siwudiin qondaltoota mootummaa Itoophiyaa waliin marii akka jalqabee bakka bu’aan ministeericha Patiriik Nilsaan himaniiru.
Akka Abukatoonni isaanii jedhanitti, doktoor Fiqiruun Biyyaa akka hin baane waan itti murta’eef ammaa immoo himaana haaroofti kun waa’ee dhimmaa mana hidhaatti hiikamuu walxaxaa taasaisa
Doktoor Fiqiruun Abbooti qabeenyaa 60 ol waggoota afuriin duraa hogganaa Abbaa Taayitaa Galiiwwaanii fi Gumuruukii Itoophiyaa Obboo Malaakuu Faantaa Waajjiin dhimmaa Maqaa Malanmaltuummaatiin hidhamuun isaanii waan yadatamuudha.