Dr Maraaraa Guddinnaa erga hidhamanii guyyoota 15n booda yeroo jalqabaaf Abbukatoota isaanii wajjiin mari’atan

Dr Maraaraan erga mana hidhaa sukkaneessaa Maa’ikalaawwiitti hidhamanii guyyoota 15 booda yeroo jalqabaaf Abukaatoota isaanii Obboo Wandimmuu Ibsaa fi Dr Yaaqoob Haayla Maariyaam wajjiin wal arganii mari’ataniiru.
Akka Abukatoon isaanii Obboo Wandimuu Ibsaa sagalee Amerikaa sagantaa Afaan oromootti himanitti, Dr Maraaraan harki isaanii caancalaan waliitti hidhameetti kan isaanii wajjiin mari’atan. Himmaannaa isaani irratti dhiyaatee labsii yeroo hatattaamaa darbuu fi shororkeessummaa kan jedhu akka fakkatuu Dr Maraaraan akka isaaniitti himaan Obboo Wandimmuun himaniiru.

Mana hidhaa keessatti nyaanni kan nama hin nyaatamne ta’uus nyaata mana isaaniitti dhufuf nyaataa akka jiran isaaniitti himusaanii obboo Wandimmuun dubbataniiru.

Yuunvarsiitii Finfinneetti waggoota baay’eef barsiisaa kan turaanii fi Siyaasa Itoophiyaa keessaatti adda durummaan kan beekaman Dr Maraaraa Guddinaa kutaa tokkoo keessatti kophaatti hidhamanii akka jiran abukaatoota isaaniittti himaniiru. Kana malees kutaan itti hidhaman yoo fincaaniif banameef malee guyyaa guutuu cufamee olee akka bulu dubbataniiru.
Akka Obboo Wandimmuun jedhanitti Dr Maraaraa Guddinaa ammalee hamilee cimaa qabu . Yeroo isaan wajjiin wal arganii mar’ataniitti areedni isaanii dheeraatee akka jiru Obboo Wandimmuun himaniiru.
Waa’ee fayyaa isaanii ilaalchisees haala gaarii irra akka jiraniif dhukkubaa dhibee shukkaaraatiif dawaa fudhataa akka jiran itti himuu isaanii Obboo Wandimmuun himaniiru
Abukaatoon nama falmuuf waliin walii arguuf seeraa biyyaattiin kan mirkana’ee waan ta’eef deebi’aanii akka wal argan abdii qabaachuusaanii Obboo Wandimmuun dubbataniiru.
Dura Ta’aan Paartii Kongraasii Federaliistii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa parlaamaa Gamtaa Awurrooppaa irratti argamuun haala waliigalaa siyaasa Itoophiyaa fi qabinsa Mirga namoomaa ilaalchisuun ibsa kennuun isaanii ni yaadatamaa.
Mootummaan Itoophiyaa Dr Maraaraan marii Parlaamaa Gamtaa Awurrooppaa kana irraatti labsii yeroo hatattaama darbuun qamoolee shororkeestoota wajjiin wal argan jechuun guyyoota 15 dura gara biyyaatti akkuma deebi’aniin isaan hidheera.