Dr Maraaraa Guddinaa himannaan ittin himataman irra bilisa bahuun hatattamaan gadi dhifamu akka qaban Parlaamaan Gamtaan Awurooppaa gaafateera.

Parlaamaan Gamtaa Awurooppaa dhimma Itoophiyaa yeroo ilaalchisuun ibsa baaseen namoonni mormii ummata Oromoo wajjiin walqabate hidhaman hatattamaan akka gadi dhifaman gaafateera.
Yakkii ajjeechaa lammiilee nagaa loltoota mootummaan raawwatame qaama walabaan akka qulqulleeffamu Parlaamaan Gamtichaa irra deebiin gaafateera
Dr Maraaraa Guddinaa affeera miseensoota parlaamaa Gamtaa Awurooppaan irratti argaman gara biyyaatti wayita deebi’aan qabamanii hidhamun isaanii ni yaadatama.
Himannaan abbaa Alangaa Dr Maraaraa Guddinaa ittiin himate fudhatama dhabee haal-duree tokko malee hatattamaan gadi dhifamu akka qaban Parlaamaan Gamataa Awurooppaa mootummaa Itoophiyaaf waamicha dhiyeesseera.
Abaan Alangaa Dr Maraaraa Guddinaa labsii yeroo hatattamaa mootummaan labse cabsaniiru jechuun yakka Shororkeessuummaan isaan himatera.
Dr Maraaraa Guddinaa garuu yakka abbaan alangaa ittin isaan himate kana akka hin raawwannee mana murtiitti himaniiru
Mootummaan Itoophiyaa Seera yakka farra Shororkeessummaa hoggantoota siyaasa, Gazexxeestootaa, namoota mirga namoomaaf falman yaada isaanii bilisaan ibsatan ukkamsuuf itti fayyadama jira jechun Parlaamaan Gamtaa Awurooppaa beeksiseera.
Lammiileen biyyaatti yaada isaanii karaa bilisatiin akka hin ibasaneef mootummaan toofta gara garaatti fayyadamuun ukkamsu akka dhaabuu parlaamaan gamtichaa gaafateera.
Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko ol ture wajjiin walqabate lammiileen nagaa dhibbatamatti lakkawaman akka ajjeeffaman parlaamaan gamtaa Awurooppaa himera.
Yakkii ajjeechaa loltoota mootummaa Itoophiyaa lammiilee nagaa irratti raawwatan qaama bilisaan akka qulqulleeffamuuf Komishinii Mirga Namoomaa Mootummoota gamtomaanii, Gamtaa Awurooppaa fi dhaabbileen mirga namoomaaf falmaan gaafacha turaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Mootummaa Itoophiyaa bu’aa qorannoo Mana marii bakka bu’oota Ummataaf dhiyeesseen loltoonni mootummaa tarkaniiffii madalawaa fudhatan jechuun isaa ni yaadatama.
Komishiniin Mirgaa Namoomaa Mootummoota Gamatomaanii gamasatyiin, bu’aa qorannoo mootummaa Itoophiyaa kun hanga qaama bilisaan qulqulleeffamuutti akka hin fudhane beeksiseera