Dolaariin Ameriikaa karaa seeraan alaatiin Itoophiyaa bahu dabalaa jira jedhame

Mootummaan Itoophiyaa tarkaniiffi humna bittaa birrii dhibbeenta 15 hir’isuu erga fidhate booda lakkofsi namoota dhuunfaa dolaariin Amerikaa karaa seeraan alaan biyyaa baasuuf yaalaan dabaluusa himameera.
Guyyoota 15 qofa keessatti namoonni dhuunfaa baay’een dolaarii Amerikaa karaa seeraan alaan haala gurma’eefi qoratameen biyyaa baasuuf yaalusaanii qondaalli Abbaa Taayitaa Gumuruukii fi Galiiwwaan Biyyaatti tokko himaniiru
Namoonni dhuunfaa kunniin gara buufata Xiyyaaraatiin maallaqaa dabalatee albudoota adda addaa karaa seeraan alaan biyyaa baasuuf yaala jiru jedhan
Ogeessoonni Diinagdee gamasanatiin, wagga waggaan lakkofsi dolaarii karaa seeraan alaa biyyaa bahuu biiliyoona sadi ol akka gahe ESATtti himaniiru
Gochi Sharafa alaa kara seeraan alaan biyyaa baasuuf taasifamu kun sadarkaa yaadeessarra gahuusa ogeessoonni diinagdee dubbataniiru.
Itoophiyaan biyyoota Afriikaa dolaariin karaa seeraan alaa biyyaa ni baha jedhaman keessatti akka ramadamtu himaniiru
Biyyi takka rakkoo tasgabbii keessa wayita galtuu fi mormiin ummataa wayita cimu lakkofsi namoota qondaltoota mootummaa wajjiin hidhannoo qabaniif maallaqa biyyaa baasaan akka dabalu ogeessoonni diinagdee himaniiru
Yeroo ammaa mootummaan biyyaatti sharafa alaa dhabuun humna bittaa birrii dhibbeenta 15 hir’isuun sharafa alaa argachuuf tattaafacha jira
Yaa ta’u malee, lakkofsi namoota dhuunfaa dolaarii Amerikaa karaa seeraan alaan biyyaa baasuuf yaalan dabalaa waan jiruuf qaala’iinsa gatii oomishaalee akka dabalu gumaacha gudda qaba jedhameera.