Doktor Teedroos Adahanoom aangoo isaanii akka gadhiisaniif dhiibbaan itti Baay’ateera.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa addunyaa Mootummoota Gamatomaanii Doktor Teedroos Adahanoom Pirezedaantii Zimbabuuwwee Roobart Mugaabee Ambasaddaara tola ooltummaa gochun filchuun komii fi mormii kaaseera.
Dippilomatoonni biyyoota dhihaa, miidiyaalee fi dhaabbilee mirga namoomaaf sadarkaa addunyaatti morman filannoo Dr Teedroos Adahanoom mormaniiru.
Dr Teedroos mormii cimaan hawaasa gara garaa booda muudama Ambasaddaara tola ooltummaa Roobart Mugaabee kennan kana hatattamaan haqaniiru.
Doktoor Teedroos Hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta’anii erga filatamanii waggaa tokko kan geenye yoo ta’u, pirezedaanti Zimbabaawwee Roobart Mugabee Ambasaddaara tola ooltummaa dhaabbaticha gochun muudun komii guddaa kaaseera.
Keessattu hoggantoon dippilomatoonni, miidiyaaleen fi dhaabbileen mirga namoomaa falaman filannoo Dr Teedroos adda duraman mormaniiru.
Roobart Mugabeen jaarsa waggaa 90 olii wayita ta’an,Zimbabaawween bilisummaa erga labsatee jalqabee Pirezedantummaan tajaajila jiru.
Biyyoonni Dhihaa pirezedaant Roobart Mugaabee mirgi namoomaa kan hin kabajnee fi dhiittaa mirga namoomaan yakkaa raawwataniiru jechun komatu.
Mugaabeen lafa qonnan bultoota warra adii harkaa humanan fudhanii lammiilee Zimbabaawweef erga raabsanii booda waliitti dhufeeny biyyota dhihaa wajjiin qaban laafeera
Dr Teedroos Roobart Mugaabee Afriikaatti Amabasaddaara tola ooltummaa dhibee hin daddabaree gochun muuduu isaanii fi Pirezedaanti Mugaabeeniis aangoo kana fudhachusaanii kamisa darbe beeksisaniiru
Murtiin isaanii kun gaafa dhaga’ame jalqabee biyyooni dhihaa dhaabbata Fayyaa addunyaa maallaqaan deeggaran, Dhaabbalee mirga namoomaa fi namooni dhuunfa gocha kana mormaniiru.
Dippilomatoota,Gaazexxestoonni fi dhaabbileen mirga namoomaaf falman Dr Teedroos Pirezedaant Roobar Mugaabee Ambasaddaara tola ooltummaa jedhanii muudun komii kaasaan gara mormii aangoo akka gadhiisan gaaffachutti jijjiirameera.
Waldaan Dhibeewwaan hin daddabaree Addunyaa muudama Mugaabee kanatti akka rifate beeksisiuun ibsa baaseera.
Dhaabbanni Humaan Raayiitis Waach gamasatiin, muudama Pirezedaanti Mugaabee kana kan nama saalfachiisu jechu murtii Dr Teedroos mormeera.