Dhiibbaan hawaasa addunyaa Gamtaa waraqsa biyyooleessaa itoophiyaa hundeessuuf bu’uura akka ta’e himameera.

Mormiin ummaata sirna mootummaa abbaa irree waayyaannee hogganamuu jalatti hin bulu jechuun guutu biyyaatti jalaqabamee fi dhiibbaan hawaasa addunyaa Gamtaa waarqasa biyyooleessaa hundeessuf bu’uura akka ta’ee Gamtaan kun beeksiisera.
Miseensoonni koree hojii raawwachistuu Gamtaa waarqasa biyyooleessaa paartiilee siyaasa afuriin dilbata darbee hundeeffamee kana gaaffii fi deebii Televizhiinii ESAT wajjiin taasisaniin akka himanitti, Gamtan ammaa hundeeffamee kun bu’aa mormii cimaa ummanni sirnaa mootummaa waayyaanneen hin bulu jedhee jalqabee waan ta’eef kan yeroo kamuu caalaa adda fi murteessaadha.
Dhaabbileen Gamtaa waaraqsa biyyooleessaa Ioophiyaa hunddeesan kunniin akkasumas sirna hundeeffama irratti bakka bu’aan ummataa Amaaraa ta’uun kan argaman, sirni mootummaa Itoophiyaa amma biyyaa bulchaa jiruu kun umirii dheeraa akka hin qabnee sadarkaa addunyaattiis hubatamaa waan dhufee Waarqasaa biyyooleessa kana dhugumsuun filannoo akka ta’ee himaniiru
Mana maree Gamtaa waarqasa biyyooleessa Itoophiyaa kana kan hogganan Obboo leencoo Lataa fi profeesaar Birhaanuu Naggaa akka ta’aniis beekameera. miseensota koree hojii raawwachistuu waaraqsichaa dura taa’uummaan kan hogganaan Doktoor Diimaa Nagawoo fi miseensoonni koree biroo wajjiin gaaffii fi deebii Televizhiinii ESAT wajjiin taasisaniin, yeroo Itoophiyaa kufaatiirraa akkasumas ummanni biyyaatti salphinaa jala baraaruun danda’amu fagoo mitii.
Gaaffii fi Deebii kana Televizhiinii ESATA wajjiin kan taasiisan miseensota koree hojii Raawwachistuu Doktoor Diimaa Nagawoo ,Obboo Muluneeh Iyyu’eel, Doktoor Koontee Muusaa, Obboo Baqqalaa Waayyoo fi obboo Hayilagabre’eel Ayyaaleew
Gamtaa waaraqsa biyyooleessa kana dhaabbilee siyaasa Addaa Dimokraasii Oromoo, Arbanyooch Ginboot Sabattii, Paartii biyyooleessa Affaar fi Warqaasaa Ummata Sidaamaa walin ta’uun kan hundeessan ta’uun ni yaadatama