Dhiibbaa Labsii hatattamaa yeroo damee Turiziimii irraan gahee wajjiin walqabatee bakka bu’oonni dhaabbata Turiziimii Itoophiyaa gara Biriteen Imaluun isaanii himame .

Dhaabbileen daawwachistoota tursittoota addunyaa teessoo isaanii biyyaa Biriteen ta’e labsii hatattamaa yeroo mootummaan Itoophiyaa labsee nageenyaa fi tasgabbii turstootaaf sodaadha jechuun karoora Itoophiyaa daawwachiisuuf karoorfatan dhiisuun isaanii ni yaadatama.
Tarkaanfiin Dhaabiilee daawwachistoota kunniin fudhataan sharafa biyyoota alaa Itoophiyaa damee turiziimiirra argatuu irratti dhiibbaa guddaa akka qaqqabsiisee qondaltoonni Komishinii Tiriziimii biyyaatti mirkanesaaniiru .
Bakka bu’oonni dhaabbata turiziimii Itoophiyaa hanqina sharafa biyyaa alaa damee tiriziimii irra argamu kanaaf furmaata barbaaduuf gara biyyaa Biriteen deemuun waltajjii Turiziimii addunyaa irratti qaamolee adda adda marsiisaa akka jiran dhaabbanii oduu Yuuroo Niwuus(Euro news) gabaasera
Mootummaan Biriteen waa’ee Itoophiyaa ilaalchisee ragaan akkeekkachisaa yeroo adda adda lammiilee isaaf kennu sagantaa Itoophiyaa daawwachuuf qopheeffatan akka haqaniif sababa ta’uusa daabbileen Turiziimii Biriteen beeksiisaniiru.
Bara Faranjoota jalqabamee kana sagantaan turstoota Itoophiyaa daawwachiisuuf qabamee ture guutumatti akka haqame dhaabbanni dawwachiisaa Turstoota Saggaa jedhamuu beeksiisera.
sagantaan Itoophiyaa daawwachisuu dhaabbileen dawwachistoota turstoota addunyaa addaan citee kun yoom akka itti fufu waan beekame hin jiru. Bifuma walfakkatuun dhaabbileen turstoota dawwachisan kan biyyoota Awurooppaa biroos karoora turstoota Itoophiyaa daawwachisuuf karoorfatan haqaa akka jiran beekameera.
Hoteelonni gurguddoon magaalaa Finfinnee, Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiran lakkofsi turstoota biyyaatti daawwatanii xiqqachaa waan dhufeef galiin isaanii akka gadi bu’ee ibsaa jiru.
Komishiiniin Turziimii Itoophiyaan Waggata Shanan dhufan Itoophiyaan biyyoota Afriikaa Turstoota hawwaatan keessa adda duree akka taatuuf karoora haaraa karoorfachuusa dhiyeenya kana beeksisee turee .
Karaa biraatin, Ji’oota sadeen darban qofaa sharafa biyyaa alaa damee turiziimii irraa ni argama jedhamee karoorfame keessa doolaariin miliyoonaa 7 fi kumni 400 yookan immoo birrii Itoophiyaattin miliyoonaa 100 fi miliyoonni 50 karoora gadii ta’uu Ministeerri Aadaa fi Turiziimii Itoophiyaa beeksiseera.
Mormii ummataa naannoo oromiyaa keessatti bara darbee jalqabame karoori kun akka hin milkoofneef sababa akka ta’ee ministeerich beeksiiseera. Karoora waggaatti damee turiziimii irra ni argama jedhamee karoorfamee keessaa doolaariin miliyoona 400 hanqachuu akka danda’uus minsteerri Aadaa fi Turiziimii Itoophiyaa tilmaameera.
Mootummaa Itoophiyaa bara bajeeta kana damee turiziimii irraa sharafa Doolaarii biliyoonaa sadii aragachuuf karoorfatus sababa dhabamuu tasgabbiitin galiin karoorfame kun gadi bu’uu akka malu dhaabbileen sab- qunnamittii mootummaa gabasaaniiru.