Dhalattoonni Oromoo fi Amaaraa ukkamsanii fudhataman

Dahalattoonni saba Oromoo fi Amaaraa pirojektii hidha haaromsa laga Abbayyaa irratti mindeeffamaan hojjatan lakkofsi isaanii 30 ol ta’an onkolooleessa 21 bara 2009 hidhamun isaanii beekkameera. Akka ragaan dhaabbata Televizhiinii Saatalayiitii Itophiyaatiif ergamee mirkaneessutti hogganaan baankii daldala Itoophiyaa damee pirojektichaa hidhuuf osoo barbaaddaman naannichaa milqaniiru. loltoonni mootummaa baay’een gara pirojektichaatti bobba’uun namoota kampaanii Meeteek fi saaliinii keessa hojjatan qabanii gara buufata leenjii loltummaa Awaash Aarbaa jedhamuutti geessaniiru. dargaggoonni hedduuni pirojektii kana keessatti mindeeffamanii hojjatan ni hidhamna jedhanii waan soodataniif naannichaa gadi dhiisanii baqataniiru.
Pirojektiin hidha haaromsa akka hin xummuramneef daba hojjachaa jirtu akkasumas mootummaa fonqolchuuf dhaabbilee humnoota bilisummaatiif deeggarsa maallaqaa gochaa jirtu sababa jedhun dargaggoonni baay’een hidhamaniiru.Hojjattoonni Injinariniigii Raayyaa ittisa biyyaa keessatti sadarkaa hoggansaa adda adda irratti mindeeffamanii hojjatan hidhamaniiru. yeroo amma kanas naannoo pirojektichaatti tasgabbiin kan hin jire yoo ta’u, Mootummaan waayyaannee dhalattoota saba Oromoo fi Amaaraa irratti xiyyeeffateera.
Ji’aa tokkoon dura hojjattonni pirojektichaa mormii dhageesisuu isaanii ni yaadatama. mormii kana booda hojjattoonni lakkofsi isaanii qabatamaan hin beekkamne baay’een ajjeeffamanii reefii isaanii bosonaa keessatti gatameera. kana malees miseensoonni pooliisii federaalaa pirojekticha eegaan sadiis ajjeffamanii reefii isaanii bosona keessatti gatamee turee.
oduu biraatiin immoo magaalaa Bahaar-Daar keessatti pooliisoonni diishii mana irraa sassaabaa akka olaan beekameera. mootummaan waayyaanee moormii fi haleellaa cimaa naannoo magaalaa Bahaar-Daar keessattuu, magaalaaa xiis- abbaayyiitti gahaa jiruun waan rifateef yeroo ammaa kana looltootta magaalaa bahaar daariif naannoo isheetti bobbasuun jirattoota unkuraa jira.