Deeggarsi Birrii miiliyoona wadhakaa ol Gilobaal Aliyaans Lammiilee sababa walitti bu’iinsan Godina Buunnoo Bedelleetti buqqa’aaniif erge akka hin kennamne dhoorkame jedhame .

Walta’iinsi Itoophiyanoota Addunyaa Gilobaal Aliyaans lammiilee walitti bu’iinsa tibbaa darbe Godina Buunnoo Bedelleetti umameen qe’eerra isaaniirra buqqa’aaniif dolaarii kuma 25 yookan birrii Itoophiyaa kuma 700 gumaacheera.
Maallaqni deeggarsa garaa bakka bu’oota paartiile mormitoota seeraan galma’aniin biyyaatti keessa jiraniin lammiilee buqqa’aniif akka kennamu kan ergame.
Bakka bu’oonni Paartiilee Samayaawwii fi Guutuu Tokkummaa Itoophiyaa miseensoota Afur qabu maallaqa deeggarsaa lammiilee buqqa’aniif kennuuf gara godinicha imaluus akka hin milkoofneef himameera.
Miseensoonni Paartii mormitoota Hogganaa sab- qunnamittii Paartii Guutuu Tokkummaa Itoophiyaa obboo Adaanaa Xilahuuniin hogganaman bakka lammiilee qe’ee isaniirra buqqa’aan jiran akka hin geenye dhoorkamusaanii himameera.
Yaaliin maallaqa gargaarsa namoota buqqa’aniif kennuuf taasifame waan hin milkoofne turtii guyyoota muraasa booda gara finfinneetti deebi’uuf dirqamusaanii Obboo Adaanaa Xilahuun himaniiru.
Qondaltooni Godinichaa guyyoota muraasaaf erga tursisaanii booda hin danda’amu akka ittin jedhan hogganaan garicha obboo Adaanaa Xilahuun ESATtti himaniiru
Eyyama mootummaa naannoo Oromiyaa osoo hin qabaane namoota buqqa’aan dubbisuu fi deeggarsa maallaqaa kennuu hin dandeessan akka jedhamaniis obboo Adaanaan himaniiru
Walta’iinsi Itoophiyanoota Addunyaa Gilobaal Aliyaansi kana dura lammiilee sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleen qe’ee isaaniirra buqqa’aniif gargaarsa maallaqaa garaa Abbooti Gadaatiin gumaachun kan yaadatamudha.