Daldaltoonni magaalaa Dasee mormii hujii dhaabuu guyyaa lamaaf taasisan.

Bakka bu’aan ESAT kan naannoo akka nuuf gabaasetti guyyoota Caamsaa 2 fii 3 guutumatti galmi daldalaa magalaa Dasee cufameeti jira. Guyyaa Roobii manneen daldalaa hagi tokko banamuu jalqabeeti ture.

.Manneen dukkaanaa galma salaam tti dukkaanni 624 galma glana guddinaa dukkaanota 638 galma Laakomzaa tti dukkaanota 632 akkasuma galma miliiniyam tti dukkaanonni 562 cufamaniiti ooluunii guyyaa Roobii kalee hangi tokko hujii bitii gurgurii tiif banamaati jiran.

Sababaan mormii hujii dhaabuu kuni horii Taaksii fii meeshaa ittiin hojjatan kan humna isaaniitii olii akka bitatan waan dirqamaniif akka tahe ibsame.
Daldalootni hiriira naghaa bahuuf hayyama gaafatan dhabnaan hujii akka dhaaban barame.
Mormii hujii dhaabuu booda namoota xalayaan hayyamni dukkaanaa irraa fudhataman hayyama deebifachuuf warra gaafatan dhunfatti qarshii 20000 akka baasan itti murtaawe.
Kun kanaan tahee osoo jiruu, miseensonni IHAADIG kan magaalaa DASEE jiraatan qormaataan alatti akka Yunivarsitii Kibba Walloo itti galmaawan taasifamaniiti jiran.
Miseensonni IHAADIG kan Yunivarsiti tti galmaawan kuni hujii tikaa hojjachuun sossooha barattootaa akka guyya guyyaan tooyataniif akka tahe baramee jira.