Daldaltoonni Jimaa ykn caatii Baha Oromiyaa miidhaa hidhatoonii naannoo Sumaalee daldalatoota Jimaa Oromiyaa irran gahan mormun torbee tokkoof daldala Jimaa dhaabuuf akka murtesan himamera.

Weerara hidhatoonii naannoo Sumaalee gandoota daangaa Oromiyaa irratti gootee wajjiin walqabatee daldali jimaa rakkoo keessa akka jiru waan ibsamee yoo ta’u,
Daldaltooni Oromoo daldala Jimaaf magaala Jigjigaa fi magaloota naanniichaa biroo keessa turan baay’een isaanii wayita waldhabdeen daangaa kun sadarkaa olaanaarra gahe ture ajjeeffamuu isaanii gabasameera.
Daldaltooni Oromoo baay’een biyyii nagaa jechun jimaa daldaluuf gara magaloota naannoo Sumaalee adda addaa deemaan asi buuteen isaanii akka dhabame ibsa kanarra hubatameera.
Daldaltoota jimaa lammiilee Oromoo konkolaataan naannoo Somalee qaxxaamuranii gara biyyoota ollaatti geessuuf wayita imalan qabuun jimaan akka jalaa gubatu taasifamaa jira jechuudhan ibsi oromoota daldaltoota jimaa irraa bahe hin dubbata.
Daladaltoonni lammiilee Oromoo haala amma jirun konkolaataadhaan naannoo Somaalee keessa darbuun jimaa daldaluun sadarkaa hin danda’amneerra gahuusa isaati fi,
Mootummaan naannoo Sumaalee jimaan magaala Awwudaayiitti walitti qabamee ergama ture dhoorkuun magaalaan Bombaas akka ta’u murtii haqa hin qabne dabarsuusa ibsi kun mirkaneesseera
Daldaltootni jimaa Magaala Awwadaayiitti qulqulla’e gurguruuf gara magaala Bombaas geessan samamanii jimaan isaaniis gubatee kasaaraaf akka saaxilaman taasifamaniiru jedha ibsi kun.
Rakkoolee kunnuun osoo furmaata hin argannee daldala Jimaa itti fufuun mirgaa fi faayidaa qaban dabarsanii qaama biraaf kennuu akka ta’e ibsa kun mul’iseera.
Akkasumas dantaafi abbaa qabeenyummaa Oromoofi Oromiyaa ganuu akka ta’e ibsi Daldaltoota Jimaa Baha Oromiyaa beeksiseera.
Kanaafuu hanga mootummaan naannoo Sumaalee dhiibbaa Daldaltoota Jimaa Oromiyaa irran gahu dhaabee nagaan daldalachuun akka danda’amu mirkana’uutti torbee tokkof daladala jimaa kamuu akka dhaabaan beeksisaniiru.
Haaluma kanan Fulbaana 26 bara 2010 jalqabee jimaa bifa kamiinuu gara Naannoo Soomalee, Hargeessaafi Jabuuti erguu dhaabuuf akka waliigalan Daldaltooni Jimaa Baha Oromiyaa ibsaa isaaniin mirkaneessaniiru.