Dabaliin gatiii Oomishaalee nyaataa fi kan biroo addaa addaa ji’a ji’aan dabalaa deemuu jiruu fi jireenya lammiilee harka qaleeyyii qoraa akka jiru himameera.

Gatiin midhaan nyaataa kan akka Xaafii Qamadii, Garbuu, Boqqolloo fi kan biroo akkasumas Zayitii fi Shukkarri dabaluu malee hir’ataa waan hin jireef lammiilee biyyaatti yaaddeessa akka jiru himameera.
Gatiin Oomishaalee nyaataa irra caalaa jirattoota magaala Finfinnee galii gadii aanaa fi giddugaleessa qaban miidhaa akka jiru himameera.
Hojjattoonni Mootummaa fi Jirattoonni magaalaatti kiraa manaa kaffaluu fi Oomishaalee Nyaataa bitachuun akka itti ulfaate beeksisaaniiru.
Mootummaan gabaa tasgabeessuu fi Oomishaalee Nyaataa gatii xiqqaan akka dhiyeessaaniif waldalee bitattoota jechun kan hundeesse deeggartoota siyaasa waan ta’aaniif jirattoonni biroo rakkachaa akka jiran himameera.
Waldaaleen Bitattoota jirattoota magaalaattiif Oomishaalee adda addaa gatii gadiaanaan akka dhiyeessaniif hundeeffaman fayeeda dabalataa argachuuf harka lafa jalaan daldaltootti akka gurguran jirattoonni dubbataniiru.
Abbaan Taayitaa Istaatistiksii Giddu-Galeessaa Itoophiyaa gamasatiin, qaalaa’iinsi gatii Oomiishaalee nyaataa ji’a Adooleessaa dhibbentaa 0.6 akka dabale beeksiseera.
Haaluma kanan dabaliin gatii meeshaalee ji’a Adoleessaa waliigalaa dhibbantaa 9.4 irra akka gahe ejensichi beeksiseera
Dabaliinsi gatii Oomishaalee gabaa irratti barbaadamanii fi lammiilleen baay’inaan itti fayyadaman ji’a waxabajjii irra kan ture irratti dhibbantaa 0.6 akka dabale Ejansichi himeera.
Ji’a Adoolessaa keessa gatiin midhaanii waan dabaleef manneen nyaataa gatii akka dabalaniis himameera.
Uccuu,kophee, meeshaa manaa akkasumas gatiin nyaataa fi dhugaatii manneen hoteelaa akka dabaleera.
Haalama kanaan qaala’iinsi gatii Oomishaalee nyaataa ji’a Waxabajjii dhibbantaa 11.2 gara dhibbantaa 12.5 ol guddachuusa Ejensichi beeksiseera.
Gatiin Oomishaaleen adda addaa dabalaa kan jiru yoo ta’u, galiin jirattoota bakkuma durii waan jiruuf lammiileen galii gadi aanaa fi giddugaleessa argatan midhaan nyaataa bitachuun akka itti ulfaate himameera.
Qaalaa’iinsii gatii tilmaama gibira galii guyyaa humnaa olii daladaltoota irratti fe’ame wajjiin walqabatee kan ammaa caalaa dabaluu akka danda’u jirattoonni sodaa qaban himaniiru.
Mootummaan tilmaama gibira galii guyyaa jechun daldaltoota irratti fe’uu malee dhiibaa qaalaa’iinsa gatii Oomishaalee irratti fiduu danda’u xiyyeeffannoo keessa akka hin galchine ogeessoonni diinagdee dubbataniiru.
Tarkaniiffii Mootummaan tilmaama gibira galii guyyaa daldaltoota irratti fe’e kun daldaltoonni gatii Oomishaalee akka dabalaniif akka dirqamsiisu geessoonni diingdee himaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa gabaa to’aachuu bakka hin dandeenyeetti akkasumas daldaltoonni sababa malee gatii akka dabalan osoo beekamu tilmaama gibira galii guyyaa humna ol kaffalchisuun qaalaa’iinsa gatiif kallattiin ni gumaachu jedhameera