Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Warshaalee Simiintoo wajjiin marii tokkolee hin mari’anne jedhameera.

Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa dargaggoota naanniichaatiiif carra hojii uumuuf jechaa bakka omisha albuudaa galtee Simiintoo ta’aan warshaalee fi abbootii qabeenya harka fudhee dargaggootaaf akka kenne beeksiisa tureera
Warshaaleen Simiintoo tibbaana marii mootummaa naanniichaa wajjiin gaggeessaniin bakkeewwaan omisha albuudaa galtee Simiintoo harka isaaniitti akka deebifataniiru jechuun gabaafameera.
Mootummaan naanniichaa gamasatiin, bakka omishaa albuudaa galtee Simiintoo ilaalchiisee kan warshaaleef deebifame akka hin jire beeksiiseera.
Abbootiin qabeenya warshaa Simiintoo osoo hin qabne albuudaa dheedhii galtee Simiintoo akka Pumiisii fi cirracha omishanii gurguraa turan tarkaniiffii irratti fudhatameen damee kana keessa akka bahan taasifamuu isaanii beeksiiseera.
Warshaaleen Simiintoo gurguddoon naanniichaa keessatti argaman wajjiin mari’achuun bakka omisha albuudaalee dheedhii galtee Simiintoo duraan warshaaleen mataa ofii isaniin irra omishaa turan dargaggoota gurma’aaniif akka gadi dhisaan waliigalteen mallatteeffameera.
Haaluma kanan dargaggoonni waldaan gurma’aanii albuudaalee galtee Simiintoo kana omishuun warshaaleedhaaf dhiyeessuu akka jalqaban gabaafameera.
Bakkeewwaan Omishaa Albuudaa galtee Simiintoo ta’an kanniin abbootii qabeenya harkaa fudhuun dargaggoota gurma’aaniif kennuun kaayyoo sadii akka qabu qondaltoonni mootummaa naanniichaa himaniiru.
Warshaaleen Simiintoo omishaa Albuudaa amansiisaa fi itti fufiinsa qabu argatan gochuu kaayyoo isaa jalqabaatti jedhameera.
Bakka omisha albuuda galtee Simiintoo abbootii qabeenya harkaa fudhachuu kun dhiyeessa gabaa omisha albuudaa keessatti fayyadamummaa fi hirmaannaa dargaggoota mirkaneessuudhaaf kan kaayyeeffame ta’u himameera.
Abbootii qabeenyaa beekumsaa fi teekeneloojii tokko osoo itti hin dabale Cirracha fi Pumiisii hamaraanii gurgurrachaa turan gara sadarkaa omishaa beekumsa gaafatuutti akka ce’aan gochuuf ni gargaara jedhameera
Qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiin kaayyoowwaan kanniin irratti waliigaluun gara hojiitti galamuusa himameera.
Bulchiinsi mootummaa Naannoo Oromiyaa waliigaltee fi murtiiwwaan kanniin ala warshaalee Simiintoo kamuu wajjiin akka hin mari’anne fi bakki omisha albuudoota abbootii qabeenya harkaa fudhamee dargaggootaaf kenname ture warshaaleef kan deebifame akka hin jire gabaafameera.