Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu Warshaan Qalmaata Harree warra Chaayiinaa akka cufamu xalayaa itti bareesseera.

Warshaan Qalmaata harree Warra Chaayiinaa Shandong Dong jedhamu kan magaalaa Bishooftuutti hundeeffame harroota qalee gara biyyoota alaatti erguuf hojii yaalii akka jalqabe torbee sadiin dura beeksiisee ture.
Warishiichi guyyaatti hanga harroota 200 qaluuf gahuumsa ni qaba jedhameera.Yeroo yaalii hojii itti jalqabee keessatti harroota 300 akka qalees beeksiisee ture.
Warshiichi fooni harroota qaluu gara Veetinamiitti kan ergu yoo ta’u, gogaa harroota immoo gara chaayiinaatti erguuf kaayyoo akka qabu himee ture. Gogaan harree biyyaa Chaayiinaatti qoricha yookan dawaa ittiin hojjachuuf baay’ee barbachiisa akka ta’ees himameera.
Yaa ta’u malee, Bulchiinsi magaalaa Bishooftuu Xalayaa gaafa guyyaa 5/08/09 warishichaaf bareesseen hojii Invastimantii Harree Qaluu akka dhaabuu hubachiiseera.
Akka xalayaa Bulchiinsi magaalaa Bishooftuutti,Invastimantiin qalmaata harree kun yoo eyyamamu hawaasa naannoo wajjiin mari’atamee walii galtee irra osoo hin geenye ijaarsi warshichaa jalqabame.
Ijaarsa pirojektii qalmaata harree hundeeffame wajjiin walqabate haawasni naannoo komachuu bira darbee dhaabbaticharraatti miidhaa qaqqabsiisee akka turees xalayaan bulchiinsi magaalaa Bishooftuu kun yaadachiiseera.
Kanaafuu Invastimantiin qalmaata harree kun hawaasa naannoo waan mormeef akkasumas bulchiinsi magaalaattiis waan itti amaneef invastimantii keessan akka dhaabdan cimsinee isin beeksifina jechuun Bulchiinsi maglaatti Ebla 5 bara 2009 warshichaaf xalayaan bareesseera.
Hawaasni naanniichaa jalqabarraa kaasee mormaa kan turee yoo ta’u, dargaggoonni Oromoo lama karra warshaa kana fulduraatti rasaasaa loltoota mootummaan ajjeeffaman mootummaan farreen misoomaa ittiin jechuun ni yaadatama.
Warshichi murtii Bulchiinsi magaalaa Bishooftuu irra gahe kana gara mana murtii addunyaa Dhimma Invastimantii ilaaluutti akka fudhatu beeksiiseera.
Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu Warshaa Qalmaata harree kun hojii akka dhaabuu murteessuus garu carraan warshaa qalmaata harree yeroo amma magaalaa Asallaatti kampaanii warra chaayiinaa birootiin ijaarama jiru maal ta’u akka maluu waan jedhame hin jiru