Bulchiinsi Magaala Finfinnee bara bajeeta 2008 birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 53 ol qajeelfamaan ala akka kaffale himameera.

Bulchiinsa Magaala Finfinneetti bara bajeeta 2008tti birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 53 ol hojimaatan ala durgoo fi mindaaf akka kaffale Oditarri Olaanaa magaalattii beeksise.
Labsii fi Qajeelfama bittaa hojimaata mootummaa osoo hin hordofne birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 54 bittaan adda addaa akka raawwatame Odiitara Olaantuu Aadde Tsigeewayin Kaasaa yaa’ii Mana Marii magaalatti tibbaana ta’aameerratti dubbataniiru
Oditii taasifame maallaqni walitti hin qabamne Birriin miliyoona 500 ol, herragni yeroon hin buune birrii miliyoona 200 akksumas birriin eenyuuf akka kaffalame hin beekamne miliyoona 200 fi miliyoona 57 ol akka argame himaniiru.
Manni marii magaalattii yaa’ii idilee Guraandhala 2009 taa’een dhaabbileen oodiittiin irratti argame hatattamaan tarkaniiffii sireeffamaa fudhachuun mana-marichaa akka dhiyeessan hubachiise ture.
Dhaabbileen bulchiinsa magaalaatti tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatan akeekkachiisni kennamufis hanga ammaatti sireeffamni taasifame hin jiru jechun miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.
Maqaan dhaabbilee mootummaa maallaqaa mancaasanii adda bahuu baatuus Koomishinii Farra-Malaammaltummaa Federaalaa fi Poolisii wajjiin tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu Oditarri Olaantuun himaniiru.
Jirattoonni magaalaatti rakkoo bu’uuralee misoomaa fi qaala’insaa gatiin rakkacha wayita jiran kanatti dhaabbileen mootummaa immoo ifatti maallaqa ummataa qisaasu itti fufaniiru.
Dhaabbileen mootummaa maallaqa miiliyoona heddu akka mancasaan irratti tarkaniiffi sireeffama fudhatamu yoo guddate hoggantoota bakka jijjiiru waan ta’eef jijjiiramni dhufu akka hin jire jirattoonni dubbataniiru.