Barsiisonni Motummaa Ihadegiif amanamoo dha jedhaman filatamanii akka qormaata sadarkaa lammaaffaa kutaa 12 kennaniif akka qophaa’ee jiran beekame.

Ji’a tokkoon dura qormaannii barattoota kutaa 12ffaa dhaabbiilee barnoota ol aanoof qopheessaa jedhamee miliqee eegaa bahee booda, qormaata haara qophessuuf kan dirqame Ministeerri barnoota Itoophiyaa qormaata haara qophaa’e kana barsiisota sirnichaaf ni amanamu jedhamaniin kennuuf qophii irra akka jiru beekame.
Guutuu biyyattii keessaa bifa of eeggannoo qabuun kan filataman barsiisonni waxabajjii 28 bara 2008 magaala Finfinnee kan seenan yemmuu ta’u, moora mana barnootaa sadarkaa 2ffa fi qophaa’innaa Dagimawi Minilik keessatti buufata yeroof qophaa’e keessatti leenjii fudhachaa jiraachuun beekameera.
Barsiisonni leenjii irra jiran qormaata kennamuuf deemu kana irratti rakkoon yoo umame itti gaafatamummaa akka fudhataniif sanda tokko tokkoon qophaa’e irratti akka mallatteessan beekameera.
Akka maddeen himanitti, manneen barnoota hundaaf ulaagaan ittiin barsiisota filatan kan gad bu’e yemmuu ta’u, ulaaga jiran keessa inni murteessaan barsiisaan sun amanamummaa inni Mootummaa Ihadegiif qabu akka ta’e beekameera.
Akka maddeen biyyatti himaniitti, hojiin barsiisota miseensota dhaabaa biyyatti bulchaa jiru ta’an filachuu cimminaan kan raawwate yemmuu ta’u, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti barsiisonni miseensa hin taane akka ulaaga sana darban yoo ta’es,ammas dhibeentaa 98 kan ta’an miseensota dhaabbichaa ta’uun beekameera.