Barattoonni fi Barsisoonni Oromoo Yuunivarsitii Jigjigaa miidhaan sabaarratti xiyyeeffate irratti raawwatamuu akka danda’u himan.

Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Jigjigaatti ramadamanii barnoota isaanii hordofaa turanii fi haaraa ramadan walitti bu’iinsa duulaa qondaaltonii mootummaan naannoo Sumaalee oromoo irrati bananiin walqabatee balaaf saaxilamuu akka danda’an beeksisaan.
Ministeerri Barnootaa fi Mootummaan naannoo Oromiyaa haala qabatamaa yeroo amma lammiilee Oromoo naannoo Sumaalee keessa jiraatan irratti raawwatamu xiyyeeffannoo keessa galchuun furmaata akka barbaadaniif gaafataniiru.
Hidhattoonii mootummaa nannoo sumaalee waraqaa eenyummaa isaanii ilaalun fakkii odaa wayita irratti argan akka isaan dararaa turanif, maallaqaa irra saamaa akka turan barattoonni Oromoo Yuunvarsiitii Jigjigaatti barnoota isaanii hordofa turan himaniiru
Barsisoonni Oromoo Yuunivarsiitii Jigjigaatti barsiisaan 60 ol balaan sabarratti xiyyeeffate irra gahuu waan maaluuf ministeerri barnoota furmaata akka kennuuf gaafataniiru.
Ministiir Barnoota Doktor Xilayee Geetee gamasantiin, iyyaannoo barsisoota Oromoo irratti hunda’udhaan marii taasifameen barsioonni gara hojii idilee isaaniitti akka deebi’aan waliigalusanii dubbatan.
Barsisoota Oromoo iyyaannoo dhiyeefatan deebii ministeera barnoota kanatti akka hin gammane himaniiru
Ammaan Booda yuunivarsiticha keessatti barsiisuuf nagaa fi tasgabbiin waan itti hin dhaga’amneef tarkaniiffii itti aanuu jijjiira gaafachu akka ta’e Barsisoonni Oromoo himaniiru.
Ministeerri Barnoota Barattoota Oromoo yuunivastii Jigjigaatti baratanii fi Barsisoonni Oromoo rakkoon nagaa fi tasgabbii akka irra hin geenye beeksiseera
Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Jigjigaatti barnoota isaanii hordofa turan meeshaa bitachuuf dallaa keessa bahuun gara magaala yoo deeman miseensoota Liyyuu Pooliisii dararaa fi Saamiichi akka irratti raawwatamu himaniiru
Sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee lammiileen Oromoo kuma heddu naannoo Sumaalee keessa jiraata turan qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’uun kan yaadatamudha.