Balaan goginsa kibbaa baha Itoophiyaatti babal’achaa jiru yaaddeessa ta’uu, Dhaabbanni Mootummoota gamtomaanii beeksiise.

Itoopiyaa keessatti balaan goginsa gara godinaalee birootti babal’achaa dhufuun akka isa yaaddeesse dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii beeksiise.
Naannoo Oromiyaa godinaaleen akka Gujii, Baalee fi Boraanaatti hanqinna bishaanii waan jiruuf namoonni miliyoonaatti lakkawamanii balaaf akka saaxilaman dhaabbatich beeksiiseera.
Balaan goginsaa kun naannoo Sabaa fi Sabblamoota Ummattoota Kibbaas ni soodachiisa jedhameera. Naannichaatti yeroo ammaa gandoonni 236 hanqina bishaan dhugaatii hamaa keessa akka jiran dhaabbatich beeksiiseera.
Roobni ji’a Fulbaana keessa roobuu qabu waan hin roobneef, balaa goginsaa kanaaf sababa akka ta’ee dhaabbatichatti Qindeessaan Sagantaa Gargaarsa ibsa baaseen beeksiisera.
Godinaalee naannoo Affaar keessatti argaman baay’een balaa goginsa haaraa kanan miidhamuu akka danda’an beekameera.
Balaa goginsaa kana wajjin walqabatee nyaanni gahaa fi bishaan qulqulluun waan hin jireef dhibee kooleeraa dabalatee dhibbeewwan daddarboo biroof sababa ta’uu malas jedheera.
Ji’oota laman dhufan qofaatti gargaarsi dolaarii miliyoona 300 tti dhiyaatu akka barbaachisu dhaabbatich beeksiiseera. Balaan goginsaa kun hanga waggaa dhufuutti itti fufuu danda’a jedhameera.
Mormiin Ummataa naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti jalqabamee deeggarsa midhaan nyaataa namoota balaaf saaxilamaniif qaqqabsiisu irratti dhiibbaa fidee akka ture dhaabbilee addunyaa beeksiisa akka turan ni yaadatama
Yeroo ammaa namoonni miliyoonaa 9 fi kuma 700 gargaarsa midhaan nyaata yeroo hatattaamaatiif saaxilamaniiru. Balaa goginsaa haaraa kun immoo lakkofsi namoota gargaarsa barbaachisu dabaluu akka danda’u himameera.