Balaa Hooongee haaraa umaammeen namoonni miiliyoona shanii ol gargaarsaf akka saaxilaman komishiiniin Biyyooleessa mirkaneeseera.

Lammiilee biyyaatti gargaarsa midhaan nyaata hatattaamaaf saxilamaniif dolaarii biiliyoona tokkatti dhiyaatu akka barbachiisuu komishiniich miidiyaalee biyyaa keessatti himeera. Balaa hongee kanan beelladoonni manaa baay’een du’aa akka jiran komishiiniich beeksiiseera
Hoongee haaraa kanaf furmaanni hatattaamaa kan hin barbaadamnee yoo ta’ee balaa guddaa qaqqabsiisuu akka danda’u Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii gabaasa ji’aan dura baaseen beeksiisee ture
Lammiileen biyyaatti miiliyoona shanii fi kumni dhibbaa jaha gargaarsa midhaan nyaata hatattaamaa akka isaan barbaachisu qondaltoonni mootummaa Itoophiyaa ibsa kennan beeksiisaniiru
Balaa kana ittisuuf dolaarii miiliyoona 900 fi miiliyoona 22 akka barbachiisuu komishiiniich beeksiiseera. Balaa hoongee haaraa kanan godinaalee naannoo Sumaalee, Ummattoota Kibbaa fi Oromiyaa akka miidhaman komishiiniich himeera.
Balaa hongee kun qaqqabsiiseen barattoonni miiliyoona tokka ta’an barnoota isaanii akka addan kutaan himameera. Balaa hongee bara darbee qaqqabee tureen namoonni miiliyoona 10 ol garagaarsa midhaan nyaatatiif saaxilamuun isaanii ni yaadatama.
Mootummaan balaan kun miidhaa akka hin qaqqabsiisne ittisuuf gargaarsa dhiyeessuuf tattafachaa akka jiru beeksiiseera.
Balaa Hongee haaraa kanan horsiisee bultoonni miiliyoona lamatti dhiyaatan hanqina bishaan dhugaatii hamaadhaaf akka saaxilaman Itoophiyaatti wajjiir qindeessa gargaarsa mootummoota gamtomaanii beeksiisera
Balaa hoongee haaraa kanan namoota miidhaan irra gahe gargaaruuf maallaqaa waliigalaa fi meeshaa barbaachiisu qoratamaa jira. Bu’aan qoranichaas xumura ji’a kana ummataatti ni himama jedhameera.