Balaa hongee Itoophiyaa Muddaateen daai’immaan hanqina nyaataatiin akka hin duuneef dhaabbileen gargaarsa addunyaa duulaa waggaa shan jalqaban

Duulli qindoomina Mootummaa fi Dhaabbilee gargaarsa 11 jalqabamee kanaaf doolaari biiliyoona 1 fi Miiliyoonni kuma 400 ramadameef jira. Gargaarsi duulaa kana irraa argamu daa’immaan hanqinaa nyaataatiif saaxilamaniif nyaata wal madaalaa dhiyeessuuf akka ooluu himameera
Naannoo Amaaraatti daa’immaan dhibbentaa 46 naannoo Benishangul Gumuuziitti dhibbeentaa 42 akkasumas naannoo Affaariitti daa’immaan dhibbeenta 41 hanqina midhaan nyaataa guddaadhaaf saaxilamuu isaanii ragaan Ministeera Egumsa Fayyaa ni mul’isaa.
Balaan hoongee bara darbee qaqqabeen daa’immaan hanqina midhaan nyaataaf akka saaxilamaniif gumaacheera. Daa’immaan magaalaa Finfinnee keessa jiraniis hanqinaa midhaan nyaataaf saaxilamu isaanii himameera.
Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immaanii Mootummoota Gamtoomaanii bara darbee balaa hongee naannoolee jaha muuddateen daa’immaan miiliyoona Wadhakaa hanqina midhaan nyaataaf akka saaxilaman beeksiiseera.
Balaan hongee bara darbee furmaata waan hin arganeef daa’immaan kuma dhibbatamaatti lakkawaman yeroo ammaa dhiyeenyaatti hordofamuu akka qaban Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiiseera.
Balaan hongee bara darbee osoo furmaata hin argannee yeroo ammaa hongee haarofti naannoolee horsiisee bultootatti qaqqabuun rakkoo kana irra caala hammeessee jira
Lammiileen Itoophiyaa Miiliyoona 9 fi kuma 700 yeroo amma gargaarsa midhaan nyaataaf saaxilamanii jiru