Balaa hongee Itoophiyaa mudate ittisuuf gargaarsi hawaasa addunyaa irra ni argama jedhame dolaarii biiliyoona tokkootti dhiyaatu keessa hanga ammatti gargaarsi dolaarii miiliyoona 23 qofti akka argame himameera.

Hawaasni addunyaa balaa hongee Itoophiyaa mudate kanaaf deebii hatattamaa waan hin kennineef balaan hongee kutaalee biyyatti gara gara keessatti miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru Dhaabbaanni Mootummoota Gamtomanii beeksiiseera.
Balaa hongee bara darbe qaqqabee tureef Mootummaa Itoophiyaa fi Hawaasa addunyaa irra gargaarsi foyya’aan argamee akka ture dhaabbaanniWorld Vision jedhamu yaadachiseera.
Balaa hongee bara kana mudate ittisuuf gama lamaniinuu hanqinni bajeeta waan jiruuf gargaarsi namoonaa gahaan argama akka hin jire toori oduu Mootummoota gamtomaanii dhaabbata World Vision waabeffachuun gabaaseera.
Dhaabbata World Vision ti bakka bu’aan Itoophiyaa Ediwaard Birawuun Amerikaa dabalate dhaabbileen biyyoota biroo gargaarsi kennan hir’isaa waan jiraniif duula balaa hongee ittisuu irratti dhiibaa akka fide himaniiru.
Kun immo duulaa mootummaan balaan hongee miidhaa kana caaluu akka hin qaqqabsiisneef gocha jiru irratti dhiibaa qaba jedhameera.
Naannoo Sumaalee buufata jireenya yeroo 222 keessatti namoonni kuma dhibba afuriitti dhiyaatan qa’ee isaaniirra buqqa’an gargaarama akka jiran himameera.
Buufataalee jireenyaa yeroo kanniin keessa 58 qofti gargaarsa mootumma argachaa akka jiran toori oduu kun gabaaseera.
Balaa hanqinni nyaata qaqqabsiisaa jiru madiitti weeraarri dhibeen koleeraa namoota baay’ee miidhaa akka jiru himameera.
Balaa hongee naannoo sumaalee mudate kun beelladoota naanniichaa dhibbeenta 40 ta’an fixaa akka jiru odeeffannoon dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa mootummoota gamtomaanii ni mul’isa.
Horsiisee Bultoonni Naannoo Sumaalee balaa hongeetiin beelladoota isaanii dhaban miidhaa balaa kana irra gutumaatti damdamachuuf hanga waggoota 10 akka itti fudhatu gabaafameera.
Mootummaan balaa hongee mataa ofiin ittisaa akka jiru Komishinaariin Qajeelcha Hojii Sodaa Balaa Biyyooleessa obboo Mitikuu Kaasaa beeksiisaniiru