Balaa Godina Geede’oo keessatti qaqqabeef kan ittti gaafatamu mootummaa Itoophiyaa akka ta’ee dhaltoonni saba Geede’oo Biyyoota Alaa jiran beeksiisan

Godina Geede’ootti balaa walitti bu’insaatiin qaqqaabeef itti gaafatamummaa fudhachuu kan qabu mootummaa Itoophiyaa akka ta’ee dhalattoonni saba Geede’oo biyyoota gara garaa keessa jirataan himan.
Ibsa garaa waldaa isaaniitiin kennan akka jedhanitti, lubbuu namaa darbee fi qabeenya manca’eef gaddi guddaan itti dhaga’meera.
Sabni Geediiyoo sabaa fi sablamoota godinicha keessa jiraatan kan biroo wajjiin rakkoo tokkolee akka hin qabne waldaan kun beeksiiseera.
Yeroo biyyaatti haala siyaasa tasgaba’aa keessa hin jiretti lafa na ilaallata jedhuu fi walitti bu’insa uumuu danda’u irratti murtii kennuun walitti bu’insii akka umammuu fi babal’atu sababa akka t’ee beeksisnaiiru.
Murtiin walfamsiisaan kun kan murteffammeef itti yaaddamee walitti bu’insa uumuuf akka ta’e ibsi waldaa dhalattoota saba Geediiyoo biyyoota Alaa jiraatanii kun mirkaneesseera
Sabni Geediiyoo yeroo ammaa Malanmaltummaa , haqaa fi bulchiinsa gaarii dhabuu fi cunqursaa olantummaa siyaasaa sabaa tokkoo Itoophiyaa keessatti dagaageen rakkacha jiras jedheera.
Dhaabbiilee siyaasaa akka meeshaa Poropogandaatti itti fayyadamuun hatattaamaan akka dhaabbachuu qabuu fi gocha kanaas akka balaleeffatn beeksiisaniiru. Balaa Umammeef itti gaafatamaan Motummaa aangoo irra jiru akka ta”ees himaniiru
Gochaa dimishaashaan hidhuu fi Ajjeessuu yeroo amma godinichaa keessatti hammatee itti fufee ni balaleeffanna jedhan.
Ajjechaa fi Hidhaan Dimishaashaa Hojjattoota Mootummaa, Hayyoota , Abbootiin Qabeenyaa, barattoota fi Dargaggoota saba Geediiyoo irra gahaa jiru dhaabbachuu akka qabu waldaan kun waamicha dhiyeesseera.