Baankiin Misooma Itoophiyaa Maallaqa Liqeese deebisee walitti qabuu rakkoo akka qabu himame

Baankiin Misoomaa Itoophiyaa maallaqa liqiin kennee deebisee walittii qabuu irratti rakkoo akka qabu hogganaan dhaabbilee Faayinansii mootummaa beeksisaniiru.
Maallaqni Baankiichi liqiin kennee walitti qabuu dadhabe dhibbeentaa 25 akka gahe himameera.
Baankiin misooma Itoophiyaa Invastimantii Qonna Gambeellaa wajjiin walqabatee maallaqaa biyyaatti baay’ee mancaasusaa garee mootummaan dhimma kana akka qoratuuf hundeesse beeksisee ture
Baankiin misoomaa Itoophiyaa waggaatti maallaqni liqiin kennee deebisisuu dadhabe birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona 2 irra hir’isuuf akka karoorfate himameera.
Yaa ta’u malee, Baankiichi maallaqa liqeessee deebisisuu dhadhabe hir’chuu irra dabalaa deemuun dhibbeentaa 25 irra akka gahe hogganaan Dhaabbiilee Faayinansii Mootummaa Dr Sintaayoo Waldamika’eel dubbataniiru.
Baankiin Misoomaa Itoophiyaa Invastimantii qonna Naannoo Gambeellaa wajjiin walqabatee birrii biiliyoona shan akka mancaase gareen qorattoota mootummaan hundeeffame beeksiseera
Dhalattoonni Naannoo Tigraay Invastimantii qonna naannoo Gambeellaa irratti bobba’an maallaqaa baankii misoomaa Itoophiyaa irra maqaa invastimantiin liqeeffatan magaalaa Maqalee fi Finfinneetti gamoo ittin ijaaraniiru.
Dhalattoonni Saba Tigraay biroo immoo maqaa invastimantiin maallaqaa baankiicha irra fudhatanii baduun isaanii gabaafama tureera.
Pirezedaantiin Baankiichaa fi Miseensi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Obboo Isayaas Bahiira maallaqni birrii biiliyoona shan akka manca’uuf sababa ta’an ji’a sadaasa bara 2009 aangoo irra kaafamaniiru.
Qondaltoota Mootummaa tarkaniiffii malanmaltummaan ni gaafatamu jedhamn keessa obboo Isayaas adda duree ta’aniis hanga ammatti akka hin gaafatamne beekameera.