Baankiin Daldala Itoophiyaa Liqii Invastimantii Abbootii Qabeenya dhunfaaf kennuu dhaabeera.

Qajeelfama haaraa Baankiin Biyyaaleessaa baase hordofun Baankiin Daldala Itoophiyaa liqii abbootii qabeenya dhunfaaf kennaa ture Ebla 2 bara 2009 jalqabee kennuu dhiisuusa Gaazexxaan Kaappitaal jedhamu gabaaseera.
Abbootiin qabeenya baankii daldala Itoophiyaa irra liqii akka hin arganne dhorkaman gaaffii liqii baankii misooma daldaola Itoophiyaaf akka dhiyeessanii keessumessamaniif ajajni akka kenname himameera.
Qajeelfama haaraa baankiin biyyaaleessa baasee kanan abbootiin qabeenya gaaffii liqii baankii daldala Itoophiyaaf dhiyeessanii eegaa turanii fi haaraa gaafatan gaaffii isaanii baankii misooma Itoophiyaa akka dhiyeessan itti himameera.
Tarkaniiffiin mootummaan fudhate kun abbooti qabeenya gaaffii liqii dhiyeessan baay’ee rakkisaa jira jedhameera.
Baankiin Biyyaaleessaa Tarkaniiffiin fudhatame misooma biyyaatti cimsuuf akka ta’e beeksiiseera. Qajeelfama haaraa liqii ilaalchiisee torbee dhufu ibsa akka kennu beeksiiseera.
Tarkaniiffii mootummaan liqii ilaalchiisuun fudhate kun hanqina faayinansii mudate kan agarsiisu jechuun ogeessonni diinagdee dubbataniiru.
Baankiin Misoomaa Itoophiyaa liqii liqeessuuf abbootiin qabeenya dursanii baasii dhibbeentaa 70 akka agarsiisaaniif qajeelfama haaraa baasuun isaa ni yaadatama
Baankiichi dhala liqii dhibbeenta 9.5 irraa gara dhibbeenta 12.5 ol -guddiseera
Haldureen baankiichi abbootiin qabeenyaa liqii yoo barbaadan akka qabsiisanii fi agarsiisaniif dhiyeesse abbootii qabeenya irratti rakkoo fida jira jedhameera.
Qajelfamoonni haaraa Baankiin Biyyaaleessa yeroo adda addaa baasuu baankiiwwaan dhunfaa irraatti dhiibaa guddaa fidaa akka jiru ogeessonni diinagdee himaniiru.
Gochi kun immo baankiiwwaan dhunfaa osoo hin jaalane akka waliitti makamaniif akka dirqamsiisu ogeessoonni diinagdee beeksiisaniiru