Ayyaanni Irreecha karaa nagaan akka kabajamuf qophiin haalduree xumuramusaa Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo beeksise.

Ayyaanni Irreecha Hora Arsadiitti Fulbaana 21 bara 2010 kabajamu karaa nagaan akka xummuramuuf qophiin haal duree xummuramusaa gumiin Abbootii Gadaa Oromiyaa beeksiseera.
Naannoon malkaa Irreeffannaa bal’atee fi qulqullaa’ee Oromoota Kabaa -Kibbaa akkasumas Bahaa -Dhihaa Ayyaana Sena qabeessa kana kabajuuf gara Hora Arsadii dhaqan simachuuf qophaa’eera.
Karaan gara Malkaa Irreeffannaa geessu fi deebisu kan bali’ifame yoo ta’u, daggalli naannoo malkaa jiru qulqullaa’uusa Dura Taa’aan Gumii Abbooti Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Tuulamaa Bayyaannaa Sambatoo himaniiru.
Ayyaannichi kallatti Gumii Abbootii Gadaa Oromoo irratti waliigalaniin kan kabajamu yoo ta’u, kan qindeessuu fi hogganus Gumii Abbootii Gadaa Orommot akka ta’es dubbatameeraa .
Fulbaana 21 bara 2010 Erga hirmattoonni Ayyaanicha hundi malkaa gahanii booda, Abbaan malkaa eebba kan taasisan wayita ta’u, Itti aansuun Abbaa Gadaa erga eebbisanii booda sirni Irreffannnaa akka itti fufu sagantaa baheera hubatameera.
Hirmattoonni erga Irreeffatanii booda Waaqa isaa galateeffachaa gara dhufanitti waan deebi’aanuf bakka Irreechaatti haasaan taasifamu akka hin jirees Abbaan Gadaa Tuulama Bayyaannaa Sambatoo himaniiru.
Ayyaanni Irreechaa haala miidhagaan fi nagaan akka kabajamuuf Foolleen Gumii Abbooti Gadaa Oromoon Filataman akka aadaa Oromoo fi Sirna Gadaatti nageenya eegu jedhan.
Ayyaana Irreechaa irrattii lammilee Naannoo Somaaleetii qe’ee fi qabeenya isaanii irra buqqa’aniif deggersa walitti qabuuf Koreen Abbootii Gadaa fi Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu irraa akka hundeeffame Abbaan Gadaa Tuulama Bayyaannaa Sambatoo dubbataniiru
Deeggarsa lammiilee naannoo Sumaaleetii buqqa’aniif walitii qabamu kanaaf Kaazinaa Samsame saddeet Baankii Waldaa Gamtaa Oromiyaa wajjiin ta’uun akka qopheeffame himameera.
Lammiileen Oromoo Ayyaana Irreechaa kabajuuf Hora Arsadiitti walgahan obboleewwaan isaanii naannoo Sumaaleeti buqqa’aan hanga danda’aniin akka gargaaran Dura Taa’aan Gumii Abbooti Gadaa fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Bayyaannaa Sambatoo gaafataniiru.