Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1,438ffaa kabajameera

Hawaasni Musliimaa Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1,438ffaan adduunyaa irraati sagantaa adda addaan kabajeera
Biyyaa keessati Isteediyamii Finfinneetti hordofrtoonni fi abbootiin amantii baay’een bakka argamanitti haala miidhagaan kabajamuun isa gasameera.
Hordoftoonni Amanitii Islaamaa magaala Finfinnee fi naannoowwashe ganama sa’a 12 irra jalqabee kallattiiwwaan hundaan gara Isteediyamii Finfinneetti deemuun Salaataan galata dhiheessaa turaniiru.
Hordoftoonni amantichaa Salaataa fi faaruu amantii farfaachaa ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1,438ffaa tokkummaan akka kabajatan ragaaleen mul’isaniiru
Bifuma walfakkatuun Ayyaanni Iid Al Adahaa(Arafaa )waggaa 1,438ffaa guutuu Oromiyaatti haala adda addaan kabajamee ooleera.
Godina Harargee Lixaa magaalaa Hirnatti hordoftoonni amantichaa kumatamatti lakkawwaman namoota daangaa Oromiyaa weraara Liyyuu Sumaalee irra ittisuuf waregamani fi Ooromoota loltoota Moootummaa Itoophiyaan ajjeeffamaniif rabbii isaanii kadhataniif jiru
Hawaasni Musliimaa magaala Dirre-Dhawaatti immoo ayyaana Iidi al Arafaa bakka tokkootti walitti bahuun kabajateera.
Sirna kabaja Ayyaana kanarraatti kantiibaan Magaala Dirree -Dhawaa haasaa gochuuf wayita yaaluu dargaggoonni Oromoo tokkummaan mormuun akka dhaabbisisaan ragaaleen mul’isaniiru
Hawaasni musliimaa Godianaalee fi magaloota Oromiyaa baay’een qondaltoonni mootummaa bakka ayyaanichi itti kabajamu osoo geenye dura sirna salaata isaanii xumuranii gara manaatti akka deebi’aan himameera.
Hawaasni musliimaa naannoo Oromiyaa akkauma yeroo biroo hunda ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) bara kana wayita kabajatu sagalee tokkoon gita bittaa mootummaa waayyaannee fi weraara Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee mormaniiru
Ayyaanni Iidi-Al -Adahaa(Arafaa) waggaa 1,438ffaa guutuu addunyaatti akkaata sirni amanticha eyyamuun kabajamee akka oolee gabaafameera.
Oduu biraan immo magaala Dirree-Dhawaatti dhukaasni rasaasaa dhaga’amaa akka ture oduu magaalaatti gabaasaniiru.
Sababani dhukaasa kana maal akka ta’e amma oduun kun qopha’eti kan hin beekamne ta’us, ayyaanna Iidi-Al-Arafaa wajjiin walitti dhufeenya hin qabu warrii jedhan jiru.