Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateete haala gaariin kabajuf Qophiin Haalduree Xumurameera.

Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee ayyaana Irreecha ummanni Oromoo baay’inaan bakka tokkootti walitti dhufee kabaju keessa Irreecha hora Arsadii magaala Bishooftuutti kabajamutti aanee kan kabajamuu dha.
Ayyaanni Irreechaa Malkaa Ateetee kun naannoo magaala Burraayyuutti Fulbaana 28 bara 2010 gaafa dilbataa akka Irreeffatamu himameera.
Ayyaaniichi akkaata aadaa Oromoo mul’isuu fi haala miidhaagadhan nagaa kabajamee akka xumuramuuf Abbootin Gadaa, jaarsooliin Biyyaa fi Bulchiinsi magaala Burraayyuu qophii haalduree xummuru isaanii beeksisaniiru
Qophiin haalduree ayyaanicha kabajuuf barbaachisu hundi waan xummurameef keessummoota ayyaanicha irratti argaman simachuuf akka qopha’aan Abbotiin, Gadaa, jaarsooliin biyyaa fi Bulchiinsi magaalaatti beeksisaniiru
Kabajni Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee akkuma kan Hora Arsadii hunda tokkummaa fi jaalala Ummanni Oromoo nageenyaa qabu kan mirkaneessu akka ta’uus Abootiin Gadaa himaniiru.
Abbootiin Gadaa fi jaarsooliin biyyaa Oromoo magaalaa Burraayyuu fi naannowashe haala kabaja ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee irratti mari’achun, Foollee fi Pooliisiin Oromiyaa qindominaan nagaa fi tasgabbii ni kabachiisu jedhan.
Sirna Kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee kanarratti lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleeti buqqa’aaniif deeggarsi waliitti akka qabamuus himameera.
Ayyaanni Irreechu malkaan Ateetee dhiyeenya magaala Finfinneetti waan Irreeffatamuuf Lammiileen oromoon finfinnee fi Godina addaa Oromiyaa jiraatan ayyaanicha irra caalaa ni miidhagsu jedhame eegama
Ayyaanni Irreecha malkaa Ateetee gaafa dilbaata kabajamu qamoota tokkummaa Oromoo isaaniif hin liqimfamneef erga guddaa waan qabuuf Lammiileen Oromoo baay’inaan ni hirmaatu jedhameera
Lammiileen Oromoo miiliyoona hedduu torbee darbe Ayyaana Irreechaa hora Aarsadiitti haala nama boonsuun nagaan kabajuun isaanii ni yaadatama.
Ummaanni Oromoon Ayyaana Irreechaa Malkaa fi Tulluutti walgahuun waggaatti yeroo lamaa Waaqa isaa waan hundaa uumeef galateeffachuuf akka irreeffatu kan yaadatamudha.
Ayyaana namoonni miiliyoona hedduu walitti dhufun bakka tokkotti kabajan kana miidiyaaleen addunyaa uwwisa addaa kennuu wayita gabaasan Koorporeshiniin Biroodkaast Itoophiyaa garuu callisuu filateera.
Gochi Koorporeshiniin BiroodKaast Itoophiyaa yookan ETV ummata Oromoo fi naannoo oromiyaa irratti raawwata turee fi ammaas raawwacha jiru komii guddaa kaaseera.
Koorporeshiniich kabaja ayyaanoota saboota biroof Uwwisa sagantaa fi Oduu akkasumas ayyaanicha kallattiin tamsaasaa kan ummata Oromoo garuu uwwisaa tokkolee dhoorkachuun ergamni isaa maal akka ta’e mul’iseera