Ayyaana Irreecha Dilbaata dhufu kabajamuu irratti Tikoonni Mootummaa, poolisiin federaalaa fi raayyan ittisaa Biyyaa akka hirmaatan Komishiniin Pooliisii Federaalaa Beeksise.

Ayyaana Irreechaa dilbaata dhufu kabajamu irratti toikoonni mootummaa, Miseensoonni Pooliisii Federaalaa fi Rayyaa Ittisa biyyaa akka hirmaatu Komishiniin Pooliisiin Federaalaa Ibsa beeksisuun Faallaa waliigaltee gumii Abbooti Gadaa Oromoo akka ta’e beekameera.
Gumiin Abbooti Gadaa Oromoo ibsa baaseen, sirna kabaja Ayyaana Irreecha bara kana irratti humni meeshaa waraanaa hidhate kamuu akka hin argamne mootummaa naannoo Oromiyaa wajjiin waliigaltee irra gahamu beeksisee ture
Akkaata Waliigaltee kanan Foolleen gumniin Abbooti Gadaa Oromoo filate nagaa kan kabachiisan yoo ta’u, miseensoonni Pooliisii Oromiyaa immoo hidhannoo malee fageenyaarra haala jiru akka to’aatan waliigalemeera.
Waliigalteen kun osoo jiru, Komishiniin Pooliisii Federaalaa Ibsa baaseen sirna kabaja ayyaanicha irratti tikoonni mootummaa , miseesnsoonni Pooliisii Federaalaa fi Raayyaa ittisa biyyaa ni hirmatu jedheera.
Koomiishinar jeneraalli koomiishinichaa Asaffaa Abiyyuun, ayyaanichi nagayaan akka kabajamu qaamoleen nageenyaa, poolisiin naannoo, poolisiin federaalaa fi raayyan ittisaa qophii ga’aa akka taasisan himan
Abbaan Gadaa Tuulamaa fi dura taa’an Gumii Abbootii Gadaa Oromoo obbo Bayyanaa Sambatoon foollee fi Poolisiin Oromiyaa waliin qindaa’anii nageenya hirmaattotaa akka eegan himun isaanii ni yaadatama
Ibsii Komishiniin Pooliisii Federaalaa kabaja Ayyaana Irreecha ilaalchisuun kenne kun murtii gumii Abbooti gadaa kan diiguuf ayyaanich karaa nagaan akka hin kabajamneef gochuuf kan yaadame ta’u himameera.
Ibsa Pooliisii Federaalaa lammiilee Orommo Kaabaa-kibbaa akkasumas Bahaa -Lixaa ayyaannicha kabajuuf qophiirra jiran sodaachisuun ayyaannicha irratti namoonni akka hin hirmaanne gochuuf akka ta’e keessa beektoonni himaniiru
Hogganaan wajjiira Bulchiinsa fi Nageenya Bulchiinsa Magaala Bishooftuu Obboo Gazahaany Asaffaa gamasantiin, loote galtoonni alaa sirna kabaja ayyaana irrechaa irratti nagaa boreessaan akka hin jire beeksisaniiru.
Hogganaan Dhimmoota Komunikeshiinii Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Obboo Mallasaa Tafarraa immoo qaamni Nageenyaa meeshaa waraanaa hidhate kamuu bakka kabaja ayyaana irreecha akka hin geenye beeksisun ibsa Pooliisii Federaalaa kana Fashaleessaniiru
Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo ayyaanicha ilaalchisee ibsa kenneen sirnichi kallattii gumichi kaa’e qofaan akka kabajamu beeksiseera.
Abbaan Gadaa Tuulamaa fi dura taa’an Gumii Abbootii Gadaa Oromoo obbo Bayyanaa Sambatoon foollee fi Poolisiin Oromiyaa waliin qindaa’anii nageenya hirmaattotaa akka eegan mirkaneessaniiru