Atleetonni fi Leenjistoonni Oromoo lammiilee naannoo Sumaaleeti buqqa’anii godina Harargee Bahaa qubatan daawwataniiru

Atleetotaa fi leenjistootni lammiilee buqqa’aani qaamaan dhaqanii daawwatan kunniin Atleet Daraartuu Tulluu, Atleet Ibraahim Jeylaan ,Atleet Yoomif Qajeelchaa ,Atleet Maarqos Gannatii, Atleet koloneel Imaanaa Margaa fa’a jedhameera.
Akkasumas, Atleet Tamesgen Namee ,Atleet Geexee Waamii, Atleet Hajii Adilo
Atleet Amaan Waxxe, Atleet Roobaa Gaarii , Atleet Belaynesh Oljirraa ,Atleet Markabuu Biqee, Leenjisaa Huseen Shiboo fi Leenjisaa Toleraa Dinqaa keessatti akka argaman gabaafameera.
Atiletoonni Dhalattoota Oromoo magaloota Oromiyaa adda addaa keessatti sagantaa fiigicha daandiirra qopheessun lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aniif dabalataan galii walitti qabuuf karoora akka qaban himameera.
Atileetoonni Oromoo kun maallaqaa qofa gumaachuun fayeeda hin qabu jechun, haala lammiileen isaanii naannoo Sumaaleeti buqqa’aan irra jiran qaamaan dhaqanii ilaalun jajjabeessaaniiru.
Atileetoonni fi Leenjistoonni dhalattoota Oromoo kun haala lammiileen qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aan keessa jiran daawwachun jajjabeessaniiru.
Biyyaa seeraa fi heera qabdu fi gatii guddaa itti kaffalee keessatti Salphina guddaan akkanaa raawwatame argun baay’ee akka isaani gaddisise Atileet Daraartuu Tulluu Jila Atiletoota fi Leenjistoota kana bakka bu’uun dubbateeti
Atileetonni fi Leenjistoonni dhalattoota Oromoo lammiilee naannoo Somaalee irraa qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif gargaarsa Birrii miliyoona shanii olii gumaachun isaanii kan yaadatamudha.

. Oduu biraan immoo,Koreen Gumii Artistota Oromoo lammiilee qe’ ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf sagantaa galii walitti qabuu konsartii muuziqaa, agarsiisa tiyaatiraa fi fiilmiiwwanii qopheessa akka jiru himameera
Konsartiin jalqabaa Magaalaa Finfinnee Giddu Gala Aadaa Oromootti akka lakkofsa Itoophiyaa dilbata gaafa 12/02/2010 qopheessuuf karoorfame haala nageenya wajjiin walqabatee guyyoota muraasaaf gara fulduraatti siiquun himameera.

Haaluma kanan guyyaan Konsartii Muuziqaa Lammiin Lammiif jedhuun lammilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deggersa walitti qabuuf karoorfame itti gaggeeffamu gara fulduraatti kan beeksisu ta’u Koree Gumii Artistoota Oromoo himeera.
Konsartii galii walitti qabuu kana irratti Artistoootni beekamoon akka Doktora kabajaa Alii Birraa, Jaamboo Jootee, Galaanaa Gaaromsaa, Sayyoo Dandanaa, Abbush Zallaqaa, Hacaaluu Hundessaa, Kadijaa Hajii, Bishiriyaa Borshaa fi kan biroo ni argamu jedhameera

Konsartiin Muuziqaa lammiilee buqqa’aaniif galii walitti qabuuf karoorfame kun gara fulduraatti magaaloota Amboo,Naqamtee, Jimmaa, Beddellee, Adaamaa, Fichee,Shaashamannee, Asallaa, Walisoo fi Galma Miliniyeemii Finfinneetti akka qophaa’u himameera.