Atleet Miruuts Yifxar du’aan Addunyaa kanarraa boqate.

Atleetii beekamaan Ityoophiyaa kumaalaa Miruuts Yifxar dhalatee waggaa 72tti Kanaadaa Tooroontootti addunyaa kanarraa du’aan boqateera.

Atleetii beekamaan kun ji’oottan darban rakkoo fayyaa isa mudateen Kanaadaa Toorontootti waldhanamaa kan ture yoo ta’u, mudde 14,2009 boqachuu isaa xalayaa gaddaa Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa miidiyaalee Ispoortii biyya keessaaf ergerraa hubachuun danda’ameera.

Atileet Miruuts waldorgomii bara 1964 magaalaa Muuniikitti qophaa’e fiigicha meetira kuma 10n dorgomuun medaaliyaa Nahaasa biyya isaatiif argamsiisera.

Waldorgommii olompikaa bara 1972 magaalaa Mooskootti qophaa’een Atileet Miruuts meetira kuma 10 fi 5n dorgomee injifachuun Olompiikii tokko irratti meedaaliyaa warqee 2 argamsiisuun Atileetii seena qabeessa ta’uu danda’eera.

kana malees Atiileet Miruuts taphoota guutuu Afrikaarrattis meedaaliyaa warqee fi Nahaasa biyya isaaf argamsiiseera.

Atileet Miruuts xumura waldorgommii irratti osoo hin eegamin morkattoota isaa of duuba hiririisuun waan xumuruuf maqaan “maarsh qayyaariw’ jedhamu kennameefii jira.
Atileet Miruuts deggarsa qaamolee adda addaan Kaanaadaa Tooroontootti dhibee Rakkoo sombaa wajjin walqabateen waldhanamaa kan ture yoo ta’u dhalatee waggaa 72tti du’aan boqateera.